1Rabbi Yaaqoobiin, «Ka'ii gara Beeteelii bayii achi jiraadhu; Waaqa hennaa obboleessa kee Eesawuu jalaa dheessite sitti mudhateef hulee ciinca'aa qopheessi» jedheen.
2Kanaaf Yaaqoobillee maatii ufiitii fi worra isa woliin jiran maraan «Waaqolee tolfamaa jidduu keessanii balleessaa'a, qulqulloota ta'aa'a, uffata keessanillee jijjiiradhaa'a,
3ka'aa gara Beeteelii dhandhaa; achitti Waaqa hennaa rakkoo kiyyaa naa dhagaye, Rabbii karaa ani deeme marattuu na woliin ta'ee ciincaa dhiyeessaa» jedhe.
4Kanaafuu waaqa tolfamaa jidduu isaanii jiru maraa, faaya gurraa ka gurra isaanii irra jiru maraa fuudhanii Yaaqoobitti kennan; Yaaqoobillee muka qilxu'uu ka Seekeemiin bira jirtu jalatti awwaale.
5Achii ka'anii deeman sodaan Rabbii qachoota naannaya isaanii jiru maraa irratti bu'e; isaan deebi'anii ijoollee Yaaqoobii ari'u'uuf duukaa hin deemne.
6Yaaqoobii fi namoonni isa woliin jiran maruu gara Looza'aa dhaqan; isiin Beeteelii Kana'aaniin keessa jirtu.
7Achitti hulee ciinca'aa hojjatee, «Eel Beeteel» jedhee itti baase; hennaa inni obboleessa ufii jalaa dheesse Rabbi achitti itti mudhate.
8Dibooraan Ribqaa guddifte duutee Beeteelitti muka dambi'ii jalatti awwaalamte; kanaaf maqaa hulee sanii Alonbaakuti jedhanii itti baasan.
9Yaaqoob haga Sooriyaa laga lamaan jiddu'uu deebi'e ammallee Rabbi itti mudhatee eebbiseen.
10Rabbi, «Maqaan kee Yaaqoob; ammaa achi Yaaqoob jedhamee hin waamamin Israa'el haa jedhamuu malee» jedhee maqaa isaa «Israa'el» jedhee itti baase.» jettee itti baafte; abbaan ammo «Biiniyaam» jedheen.
19Achiin maayessa Raaheel duutee karaa Efraataa fidu biratti Beeteliheemitti awwaalamte.
20Yaaqoob awwaala isi'ii irratti soodduu dhaabe; huleen sun haga adhaa soodduu awwaala Raaheeliiti.
21Israa'el achii ka'ee gamoo Gaadeer gama jiru duubatti daasee ijaare.
Ilmaan Yaaqoobii(Sen. 1ffaa 2:1-2)22Haga Israa'el biyya san taa'e Roobeel deemee Baalaa abbaan isaa mata gala itti galu bira gaye; waan kana Israa'el hin dhagaye. Ijoolleen Yaaqoobii kudha lama.
23Ijoolleen Liya'aa ilmi hangafaa ka Yaaqoobii Roobeel,
Simoon, Leewwii, Yihuudaa,
Yisaakoorii fi Zaabilooniin fa'a.
24Ijoolleen Raaheelii Yooseefii fi Biiniyaam.
25Ijoolleen Baala'aa ta garbittii Raaheelii Daanii fi Niftaaleem.
26Ijoolleen Zalafa'aa ta garbittii Liya'aa Gaadii fi Aseer.
Kunniin ijoollee Sooriyaa keessatti laga lamaan jiddu'utti Yaaqoobii dhalatan.
Yisaaq Du'e27Yaaqoob gara abbaa ufii Abrahaamii fi Yisaaqii gara lafa isaan galtuu ta'anii keessa jiraatanii gara lafa Maammire'ee, gara lafa Qiriyaat'arbaaqii, gara Keebroonii dhaqe.Ser. Uma. 13:18
28Umuriin Yisaaqii dhibbaa fi saddeettama ta'e.
29Jaaree umurii quufee du'e; ijoolleen isaa Yaaqoobii fi Eesawu hin awwaalaniin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.