1Dubbiin Agur ilmi Yaaqe'ee dubbate kana;
namni kun Iiti'eel, Iiti'eelii fi Akulitti dubbate.
2«Ani nama maraa caalaa gowwa'a;
hubannaa namni qabu ani hin qabu.
3Ogummaa hin baranne;
waan Woyyichaallee beekkumsa hin qabu.
4Ka gara sami'ii ol baye; ka gad bu'e eennu?
ka qilleensa harkaan cum'ee qabe eennu?
ka uffataan bisaan mammaree qabe eennu?
ka daangaawwan lafaa maraa murteesse eennu?
maqaan isaa eennu? maqaan ilma isaa hoo eennu jedhama?
yoo ka beettuu mee natti himi!
5«Dubbiin Rabbii maruu mudaa hin qabu;
inni worra isa abdatan maraafuu wonte'e.
6Dubbii isaatitti waan tokkollee hin eda'in;
yookaan si xixa; sobaa si taasisa.
Mammaaka Biraa7«Yaa Rabbi! Ani waa lama si kadhadha;
ani uduu hin duune waan kanniin na hin dhooggatin.
8Sobaa fi kijiba dubbachuu na irraa fageessi;
hiyyumma'aa fi durummaallee naa hin kennin;
buddeenuma guyya'aa callaa naa kenni.
9Yoo kana hin taane garuu hagaa olitti quufee si waakkadha;
‹Rabbi eennu?› jedha;
yookaan hiyyoomee hata;
maqaa Waaqa kiyyaallee hin arrabsisiisa.
10«Garbicha gooftaa isaa afo'otti hammeennaan hin kaasin;
yoo kana hin taanee si abaaree miidhaan si irra gayaa.
11«Dhaloonni abbaa ufii abaaru;
ka haadha ufiillee hin eebbifne hin jira.
12Worri akka qulqullu'uutitti uf laalan;
ka ufii garuu battummaa ufii irraa hin qulqulloofne hin jiran;
13Worri uf jaju'uun nama laalan;
akki isaan itti laalan tuffi'iin;
14Hiyyeeyyii lafa irraa;
rakkattootallee fiixaa namaa keessaa balleessu'uuf;
worri ilkaan isaanii guraadee ta'e;
worri a'oon isaanii billawa ta'e hin jiran.
15Ulaa'ulli ilmoolee dhaltuu lama qabdi;
isaan, «nuu kenni! nuu kenni!» jedha'aa iyyan;
wonti sadihii ka sirima hin quufnetu jira;
ka sirima «Na gayee» hin beenne afur;
16isaanillee awwaala, gadaamessa hin deenne;
lafa bisaan dhuddee hin quufne,
ibidda ‹na gaye› hin jenne fa'a.
17«Ija abba'atti balditu;
ta ajaja haadhaallee tuffattu;
harraageyyiin gammoojji'ii qotanii baasan;
rumichi hedduu dhufanii nyaatan.
18«Wonti sadihii ka guddisee na maalalchiisutu jira;
arfaffaa garuu hin hubadhu;
19Karaan bajjaa samii gubba'a;
karaan bofaa dhagaa keessa;
karaan markabaa galaana irra;
karaan namaallee ijoollee intalaa woliin.
20«Karaan dubartii seebartuu kana;
nyaattee afaan haqachu'uun;
‹wonti badaan ani hojjadhe hin jiru› jetti.
21Lafti waa sadihiin raafamti;
akkasuma wonti isiin baadhachuu hin dandeenne waa afur;
22garbicha mooye;
amshaaggaa buddeena quufe;
23intalti jibbamte ta abbaa manaa argatte;
garbittii intalaa ta giiftii ufii bakka buute.
24«Lafa irra waan didiqqoo afurtu jira;
ta'anillee isaan guddisanii ogeeyyi'i.
25Mixiin uumama dadadhaba'a;
ta'ullee isaan nyaata ufii bonaan kuufatan.
26Osoleen uumama hunna hin qabne;
ta'ullee isaan dhagaa gugurdaa jiddu'utti mana ijaaratan.
27Awwaannifni mootii hin qaban;
garuu wol duraa duubaan deeman.
28Lootuun harkaan qabamti;
garuu mana mooti'ii keessatti argamti.
29«Wonti sadihii ka deemsi isaanii gaachena qabutu jira;
ka arfeesso'oo arnya ulfinnaa qaba.
30Leenca busaawaa jiddu'utti hunnaamessaa;
waa maraa dura ka nyaara ufii guuru;
31Lukkuu kormaa, re'ee kormaa tika afo'otti bondhooran;
akkasuma mootii loltootaan marfame fa'a.
32Gowwaa taatee yoo uf tuulte;
yookaan yoo waan hamaa karoorsite;
afaan qabadhu.
33Akkuma aannan yoo raasan dhadhaa bayu;
funyaan yoo sukkuuman dhiigu;
aarii kakkaasuun lola uuma.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.