Raajii Isaayyaasii 33 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Gargaarsa Argachu'uuf Kadhatan

1Ati baniin Sooriya'aa ka uduu hin banne balleessitu;

ati ka balleessitu si hobbaas!

ati ka uduu hin ganamne gantu

ati gantichi si hobbaas!

hennaa balleessuu dhiifte badda;

hennaa ganuu dhiifte ganamta.

2Yaa Rabbi nuu araarami;

waan si abdanneerruuf;

ganama maraa jajjabeenna;

hennaa hucuucamaa

fayyinna nuu ta'i.

3Baniin gigissaa laagaa keetii dheessan;

yoo ati gaachena keetiin kaate

mootonni hin bittinnaayan.

4Isin baniin akkuma awaannifni wolitti qabamu

boojuun keessanillee wolitti qabama;

akkuma korophiisaatitti

namoonni irratti sirban.

5Rabbi maraayyuu ol; sami'itti kabajjamee jiraata;

Tsiyooniin balchumma'aa fi haqaan guuta.

6Inni hundee amansiisaa bara keetii;

galmee ogumma'aa, ka beekkumsaatii fi

ka fayyumma'aa sii ta'a;

Rabbiin sodaachuun qabeenna isaanii ka maraa caalu.

7Kunoo dargaggeeyyiin isaanii karama maraa irratti iyyan;

ergamtoonni nagayaaf ergamanillee

mararamanii booyan.

8Karaan ijoon maruu duwwa'a;

daandii irra namni hin jiru;

wolii galteen bulchoota Sooriya'aa diiggameera;

worri gorsu tuffatameera;

ka kabajjamullee hin jiru.

9Ardiin duwwaa taate; hin huqqatte;

bosonni Libaanosii quuree goge;

Saaroon akka lafa gammoojjii Arabaa taate

Baasaanii fi Qarmeloos baala harcaafatan.

Rabbi Worra Isa Jibban Seere

10Rabbi akkana jedha,

«Amma hin ka'a;

amma ol ol ka'a;

amma hin kabajjama.

11Buraa ulfooftan;

hansaraa deettan;

hafuurri keessanillee ibidda isin nyaatu.

12Baniin akka dhagaa nooraa baasuutitti gubatan;

akka qoree saato'ootitti ibiddaan gubatan.

13Isin worri fagoo jirtan waan ani hojjadhe dhagayaa'a;

isin worri dhiyoo jirtanillee hunna kiyya beekaa'a!

14Cubbamtoonni Tsiyooniin keessa jiran hin nayan;

worri Waaqa hin qabne sodaan isaan qabee;

«Nu keessaa ka ibidda nama nyaatu woliin jiraatuu

danda'u eennu?

ibidda bara baraa woliin hoo

eentu jiraatuu danda'a?» jedhan.

15Ka balchumma'aan jiraatu;

ka waan qajeelaa dubbatu;

ka bu'aa sobaan argamu tuffatu;

ka gabbarsuu fudhachuu irraa harka deebifatu;

ka marii ajjeecha'aa dhagayuu didda'aaf gurra qabatu

ka hammeenna laaluu didda'aaf ija dunuunfatu,

16Namni kun ol gubbaa jiraata;

maandheen gaaraa irkoo isaa ta'a;

buddeenni hin kennamaaf

bisaanillee jalaa hin citu.

Bara Ulfinnaa Ka Dhufu

17Ijji tee bareeddinna mootichaa argan;

lafa fago'oo diriirtellee hin argan.

18Rakkinna duraa qaabata'aa;

«bulchaan ijoon sun eessa jira?

ka gibira guuru eessa dhaqe?

itti gaafatamaan siree worra waa eeguu meeti?»

jettanii gaafattan.

19Banii dubbiin isaanii namaa hin galle;

ka wonti isaan jedhan hin beekkamne;

ka afaan namni hubachuu hin dandeenne dubbatan

sanniin hin argitu.

20Qachaa Tsiyoonii ta ayyaana keenna itti kabajjinu laali;

Yerusaalemii hulee jireennaa ta nagayaa;

ta daasee hin sochoone taate;

ta xiribbaan isi'ii hin buqqaane;

ta haada isi'ii keessaa tokkollee hin cinnee

laali.

21Rabbi achitti hunna nuu ta'a;

laggiinii fi fincaayaa

yaballi keessa lufuu hin dandeenne;

ka yaballan gugurdaanillee hin ceene nuu ta'a.

22Rabbi abbaa murti'ii keenna;

Rabbi ka seera nuu kennu;

Rabbi mootii keenna;

ka nu fayyisullee isa.

23Haanni kee ka duudhattuun furateera;

utubaanillee jabaatee hin dhaabanne;

sharaan isi'iillee hin badhifamne;

hennaa san boojuu gudda'atu qoodama;

hokkolaanuu uduu hin hafne boojuu fudhata.

24Ka Tsiyooniin keessa taa'ee

«Ani dhibameera» jedhu hin jiru;

cubbuun namoota achi jiraniillee hin dhiifama.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help