Seera Leewwotaa 8 - Kitaaba Woyyuu

Muudama Gadumma'aa Ka Aarooniitii Fi Ka Ijoollee Isaa(Ser. Ba'u. 29:1-37)

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe;

2«Aaroonii fi ijoollee isaatiin uffata, dhadhaa dibatan, mirgoo ciincaa dhiifamsa cubbu'uutiif ta'u, korbeeyyii hoola'aa lama, xoroshoo kooboo lama fuudhi;

3banii maraa balbala daasee wol gayi'ii afo'otti wolitti qabi»

4Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe; baniin maruu daasee wol gayi'ii afo'otti wolitti qabaman;

5Muuseen bani'iin, «Wonti Rabbi akka ta'uuf ajaje kana» jedhe.

6Muuseen Aaroonii fi ijoollee isaa wolitti qabee bisaaniin dhiqe;

7qambisaa isaanitti uwwise; mudhii hidhachiise; qamisii itti uwwise, efuudiillee irraan dhayee sabbata ogumma'aan dhayameen hidhachiise;

8uffata qomaallee isaanitti godhee Uriimii fi Tumiimiin keessa kaayeef.

9Akkuma Rabbi Muusee ajaje sabbatallee mata'atti maree marata irratti gara afo'ootiin kennaa worqi'ii ka qulqullaaye malkata baala fakkaatu godheef.

10Muuseen dhadhaa dibu fuudhee mana bulti'iitii fi waan mana san keessa jiru maraa dibee woyyoomse;

11isa irraallee hulee ciinca'aatitti harka torbaa facaase; akka woyyoomaniif hulee ciinca'aatii fi meeshaa maraa, saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayan dibe.

12Dhadhaa dibatan keessaa mataa Aaroonii irratti buusee baallii gadumma'aa kenneef.

13Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoollee Aaroonii fidee qambisaa isaanitti uwwisee mudhii isaanii sabbataan hidhee qoobiillee mataa irra godheef.

14Kanaan maayessa mirgoo ciincaa cubbu'uullee fidee Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii harka ufii mataa mirgoo ciincaa cubbu'uutiif dhiyaate irra kaayan;

15Muuseen goorra'ee dhiiga qubaan tuqee naannaya gaaffan hulee ciinca'aa jiru dibee, hulee ciinca'aa woyyoomsee dhiiga hafe hulee ciinca'aa jalatti jissee araara isaanii godhee isaan woyyoomse;

16Muuseen moora mi'a gara'aa irra jiru maraa, moora tiruu irra jiru, moora kalee lamaan irra jirullee fuudhee hulee ciinca'aa irratti ciinceesse.

17Muuseen akkuma Rabbii isa ajaje gogaa mirgo'oo, foon, cumaa gandaan ala baasee raasa'atti gube.

18Achiin maayessa Muuseen korbeessa hoola'aa ka ciinca'aaf ta'u dhiyeessee Aaroonii fi ijoolleen isaa harka ufii mataa hoola'aa irra kaayan;

19Muuseenillee hoolaa goorra'ee dhiiga naannaya hulee ciinca'aatitti facaase;

20foon hoola'aallee akkaatama fooniitiin kukkutee mataa, foonii fi coomallee hin ciinceesse.

21Mi'a gara'aatii fi kottiin bisaaniin miicee foon korbeessa hoola'aa maraa hulee ciinca'aa irratti ciinceesse; kunillee ciincaa urgaayaa ture; kun akkuma Rabbi Muusee ajaje kennaa Rabbiif ibiddaan dhiyaate.

22Hoolaa lammeesso'oo ka woyyumma'aaf ta'u fidee Aaroonii fi ijoolleen isaa harka ufii mataa hoola'aa irra kaayan;

23Muuseen hoolaa goorra'ee dhiiga qaccee gurra mirgaa, abbuuddicha harka mirgaatii fi quba lukaa abbuuddichaa ka Aarooniitiin tuqe.

24Muuseen ijoollee Aaroonii wolitti qabee dhiiga fuudhee qaccee gurra mirgaa, qaccee quba harka mirgaa abbuuddichaa fi quba luka mirgaa abbuuddichaan tuqee dhiiga hafe naannaya hulee ciinca'aatitti facaase.

25Cooma, duma, moora mi'a gara'aa irra jiru maraa, moora tiru'uu, kalee lamaan, cooma isaaniitii fi luka mirgaa fuudhee

26xoroshoo Rabbiin afoo jiru keessaa, bixilee kooboo tokko, xoroshoo dhadha'aan sukkuumame tokko, xoroshoo haphii takkattii fuudhee coomaa fi irree mirgaa irra kaaye;

27maraa fuudhee harka Aarooniitii fi harka ijoollee Aaroonii irra kaayee kennaa Rabbiin afo'otti socho'u sosochoose.

28Kanaan maayessa Muuseen isaan harkaa fuudhee hulee ciincaan dhiyaatutti ciinceesse; kun urgaa mishaa Rabbiin garaa laaffisu; innillee kennaa ibiddaan Rabbiif ciincaye.

29Muuseen ammallee handaraafa fuudhee kennaa Rabbiin afo'otti sosochoosan godhe; kunillee akkuma Rabbi Muusee ajaje korbeessi hoola'aa ka woyyumma'aaf qalame gayee isaa ta'eef.

30Muuseen dhadhaa dibataatii fi dhiiga hulee ciinca'aa jiru fuudhee Aaroonii fi uffata isaa, ijoolle'ee fi uffata ijoollee isaallee woyyoomse.

31«Muuseen Aaroonii fi ijoollee Aarooniitiin foon balbala daasee wol gayi'iititti affeela'aatii Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii haa nyaatanii jedhee ajaje; achumaan isaa fi xoroshoo woyyuu kooboo irra jiru nyaadhaa'a.

32Foonii fi dhiyana hafe ibiddaan gubdan;

33haga guyyaa torbaatitti gadoota waan isin taasisuuf haga guyyaan torbaa dhumatutti balbala daasee wol gayi'ii keessaa hin bayinaa'a.

34Rabbi akkuma araara guyyaa kana godhameetitti akka godhamu ajajeera.

35Kun seera Rabbi na ajaje, balbala daasee wol gayi'ii haga guyyaa torbaa halkanii fi guyyaa taa'aa'a seera Rabbiillee eegaa'a; yoo kana godhuu baattan hin duutan» jedheen.

36Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii waan Rabbi Muusee ajaje maraa godhan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help