Seera Leewwotaa 23 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Ayyaana Itti Kabajjan

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Banii Israa'eliititti akkana jedhii himi; ayyaana kiyya ka wol gayii woyyootaati jettanii labsitan kanniin;

3guyyaa jahaa hujii hojjadhaa'a; guyyaan torbeesso'oo garuu Sambata hara itti baafattan; guyyaa wol geettii woyyootaa ta'a; guyyaa kanatti hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a; hulee jiraattan marattuu guyyaan Sambataa guyyaa Rabbiif woyyoome.

4Ayyaanni Rabbii kunniin wol gayii woyyootaa ka bara baraan labsitan.

Ayyaana Faasika'aatii Fi Ayyaana Xorosho'oo(Ser. Lak. 28:16-25)

5«Ji'a duraa guyyaa kudha arfeesso'ootitti yoo galgalaaye ayyaana faasika'aa ka Rabbi itti kabajjamu.

9Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

10«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; hennaa gara lafa ani isinii kennuu galtan, hennaa midhaan keessan haamattan, qixiraa midhaan keessanii ka duraa gara gadichaa fidaa'a.

11Innillee qixiraa san akka Rabbi isin irraa jaalatu Rabbiin afo'otti haa sosochoosuu; bariisaallee Sambataan maayessa gadichi haa sosochoosuu.

12Guyyaa qixiraa san itti sosochooftan korbeessa woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne ciincaa gubamu Rabbii dhiyeessaa'a.

13Kennaa midhaanii kudhan keessaa harka lamaa daakuu dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kennaa urgaayaa Rabbiif ibiddaan ciincawu haa ta'uu; kennaan waan dhuganiillee daadhii woyini'ii iifii tokko dhiyeessitan.

14Buddeena, hamaamoo woddame, hamaamoo mishaa, mocee haga kennaa Rabbii keessanii dhiyeessitanitti hin tuqinaa'a; seerri kun biyya keessa jiraattan marattuu seera bara baraa ka ijoollee ijoollee keessanii haa ta'uu.

Ayyaana Hennaa Midhaan Haamanii(Ser. Lak. 28:26-31)

15«Qixiraa kennaa socho'u gootee haga Rabbii dhiyeessite, bariisaa Sambataatii jalqaba'aatii torbaan torbaa laakkayaa'a.

16Haga bariisaa Sambata torbeesso'oo guyyaa shantamaa laakkayaa'a; Kennaa midhaanii haarawa Rabbii dhiyeessaa'a.

17Maatiin keessan maruu kennaa midhaanii harka lamaa olii ka sosocho'u kennaa Rabbii haa dhiyeessuu; kennaan midhaanii martinuu ka raacitii qabu daakuu bullaayaa iifii lamaa ka bilchaate woliin Rabbiif kennaa duraa ta'ee haa dhiyaatuu.

18Buddeena san woliin korbeeyyii torbaa ka woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne, jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoola'aa lama ciincaa Rabbii gubamu gootanii kennaa midhaanii, kennaa waan dhuganii woliin, kennaa urgaayaa ibidda irratti Rabbii ciincawu gootanii dhiyeessitan.Ayyaana Xurumbaa Itti Afuufan(Ser. Lak. 29:1-6)

23Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

24«Banii Israa'eliititti akkana jedhii himi; ji'a torbeesso'oo guyyaa duraa guyyaa addaa ka ayyaana hara baafanna'aa kabajjitan; hennaa laagaa xurumba'aa dhageettan Rabbiin waaqeffachu'uuf wol gayaa'a.

25Guyyaa san hujii maraa hin hojjatinaa'a; ciincaa ciincawu Rabbii dhiyeessaa'a» jedheen.

Guyyaa Dhiifamsa Cubbu'uu(Ser. Lak. 29:7-11)

26Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

27«Ji'a torbeesso'oo guyyaan kudhaneesso'oo guyyaa araaraa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; guyyaa san homaa hin nyaatinaa'a; kennaa midhaanii ka ibiddaan ciincawu Rabbii dhiyeessaa'a.

28Rabbii Waaqa keessan afo'otti akka guyyaa araaraa isinii ta'u guyyaa san hujii maraa hin hujinaa'a.

29Guyyaa san namni soomee hin saganne maruu banii wodhakka'aa fooyamee haa baduu.

30Nama guyyaa san waa hojjatu maraa banii keessaa baasee balleessa.

31Kanaafuu guyyaa sanitti womaa hin hujinaa'a; kun biyya keessa jiraattanii fi bara jireenna keessanii maraa ijoollee ijoollee teessanii maraaf seera bara baraati.

32Jiini seenee guyyaa salgeesso'oo aduun dhiitee haga guyyaa kudhaneesso'oo haga aduun dhiitutti uduu homaa hin nyaanne guyyaan kun guyyaa addaa guyyaa Sambataa ka hara baafataa isinii haa ta'uu. » jedheen.Ayyaana Daase'ee(Ser. Lak. 29:12-40)

33Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

34«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ji'a torbeesso'oo hennaa akkanaa ji'a keessa guyyaa kudha shaneesso'ootii jalqabee haga guyyaa torbaa Rabbiif ayyaana daasee keessatti ayyaanteeffattan ta'a.

35Guyyoota kanniin keessatti Rabbiin waaqeffachu'uuf wol gayaa malee hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a.

36Guyyaa torbaa maraa kennaa Rabbiif ciincawu dhiyeessitan. Guyyaan saddeetesso'oo guyyaa Rabbiin itti waaqeffattan isinii haa ta'uu; guyyaan kun guyyaa addaa ka Rabbiin itti waaqeffatan; kanaafuu hujii kamiinuu hin hojjatinaa'a.

37«Hennaa waaqeffannaa keessan raawwachu'uuf wol geettan ciincaan Rabbiin ittiin kabajju'uuf dhiyeessitan ka nyaataa ciincaa gubamu, kennaa midhaanii ka biraallee kennaa daadhi'ii akka barbaachisutti kennaan guyya guyya'aan ayyaanaaf dhiyeessitan kanniin fa'a.

38Kunniin kennaa guyyaa Sambataatiin ala ka fedha keessaniin dhiyeessitan maraa irraa adda.

39«Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudha shaneesso'ootitti haga sanyii lafaa wolitti qabattaniin maayessa, haga guyyaa torbaatiif Rabbiin waaqeffattan; guyyaan duraa hara baafannaa isinii haa ta'uu; guyyaan saddeetesso'oollee guyyaa hara baafanna'aa isinii haa ta'uu.

40Guyyaa duraa muka biyya keessan keessa jiru keessaa daraaraa hagoo'o; baala meexxi'iitii fi haafa muka lalisee qabattanii Rabbii Waaqa keessan afo'otti gammada'aa haga guyyaa torbaa ayyaana godhattan.

41Ayyaana kana haga woggaa torbaa Rabbiin afo'otti godhaa'a; kun seera ijoollee teessanii ka baraa haga bara baraa haa ta'uu; kana hennaa maraa ji'a torbeesso'ootitti hin ayyaanteeffattan.

42-43Guyyaa torbaa daasee keessa teettan; kun akka hennaa ani biyya Misiriitii isin baasee daasee keessa isin kaaye ijoolleen ijoollee teessanii akka beekan ijoolleen biyya Israa'elii keessa jiraatan maruu daasee keessa haa taa'anii; ani Rabbi Waaqa keessan waan ta'eef» jedheen.

44Muuseen waan ayyaana Rabbii kana ijoollee Israa'eliititti hime.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help