Kitaaba Iyyaasu'uu 6 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Iyyaarikoon Itti Kufte

1Ijoollee Israa'elii waan sodaataniif Iyyaarikoon sirima cufamtee turte; namni gara isi'ii seenuu fi isii keessaa bawullee hin jiru;

2Rabbi Iyyaasu'uun akkana jedhe, «Iyyaariko'oo fi mootii isi'ii, worra jajjabaa hunna qaban sii kenneeraa;

3duultonni keessan maruu guyyaa jahaaf harka tokko tokko qachattii tana irra haa naannayanii.

4Gadoonni torbaa worri xurumbaa torbaa qabatan saanduuqa waada'aa afo'otti firrisanii deemanii woliin haa baadhatanii; guyyaa torbeesso'ootitti qachattii hennaa torba naannayaa'a; worri gadootaa xurumbaa haa afuufanii.

5Achiin maayessa xurumbaan uduu wol irraa hin cinne yoo afuufamu laagaa xurumba'aa yoo dhageettan, baniin maruu guddisee haa iyyuu; hennaa san dalloofni qachatti'ii hin diiggama, baniin maruu hiriiree itti gala.»

6Ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun gadoota waamee, «Saanduuqa waada'aa baadhadhaa'a; gadoonni torbaa xurumbaa torbaa qabatanii saanduuqa waadaa Rabbii afoo haa deemanii» isaaniin jedhe.

7Bani'iinillee «Deema'aa qachattii naannayaa'a; worri duulaa garuu saanduuqa waadaa Rabbii afoo haa deemanii» jedhe.

8Hennaa Iyyaasuun bani'itti hime gadoonni torbaa xurumbaa torbaa qabatanii Rabbiin afoo deema'aa xurumbaa afuufan; saanduundhi waadaa Rabbii isaan faanaa deema'aa ture.

9Duultonni xurumbaa afuufa'aa gadoota xurumbaa afuufan afoo deema'aa turan. Baniin hafe garuu saanduuqa waada'aa duubaan deema'aa turan; gadoonnillee xurumbaa afuufa'aa deeman.

10Iyyaasuun bani'iin «Haga guyyaa ani iyyaa'a isiniin jedhuutitti laagaa keessan ol qabattanii hin iyyinaa'a; sirima afaan keessanii jechi tokkollee akka hin baane; hennaa ani iyyaa'a isiniin jedhe hin iyyitan» jedhee isaan ajaje.

11Duulli kun hennaa tokkoof saanduuqa waadaa Rabbii qabatanii qachattii keessa naannayanii hulema duraatitti deebi'anii achuma bulan.

12Iyyaasuun bariisaa san ganama obboro'oon ka'e; gadoonnillee saanduuqa waada'aa ka Rabbii baadhatan.

13Gadoonni torban xurumbaa torbaa qabatanii saanduuqa waada'aa ka Rabbii afoo deema'aa xurumbaa afuufa'aa turan; duultonnillee isaan afoo deema'aa turan; baniin hafe garuu saanduuqa waada'aa ka Rabbii faana deeman; gadoonnillee xurumbaa afuufa'aa deeman.

14Guyyaa lammeesso'ootittii haga guyyaa jahaa qachattii keessa naannayanii gara gandaa deebi'an.

15Guyyaa torbeesso'oo akkuma lafti gagaarratteen ka'anii akkuma duraanii harka torbaa qachattii irra naannayan; guyyaa san harka torbaa qachattii irra naannayan.

16Harka torbeesso'ootitti hennaa gadoonni xurumbaa afuufan Iyyaasuun bani'iin «Rabbi qachattii isinii kenneeraa iyyaa'a!» jedhe.

17«Wonti qachattii keessa jiru maruu Rabbiif akka hirmi'iititti haa balleeffamanii; worri hafan garuu seebartittii Ra'aabii fi worra isii woliin mana isi'ii keessa jiran calla'a; isiin waan gaaddota teenna dhossitee isaan oolchiteef isi'ii fi worri isii woliin mana keessa jiran callaan haa hafanii.

18Isin garuu waan Israa'eliin irratti rakkinnaa fi badii fidu wonta baduu barbaachisu kanniin hawwitanii akka hin fudhanne uf eegaa'a.

19Garuu birrii, worqii, sibiila diima'aa fi meeshaan sibiilaa maruu ka Rabbiif fooyame ta'ee mana meeshaa Rabbiititti haa galuu.»

20Kanaaf xurumbaan afuufame; baniin hennaa laagaa xurumba'aa dhagayan guddisanii iyyan; kaloonillee hin diiggame; baniin maruu gara qachaa isaan afoo jiruu dhaqanii qachattii san fudhatan;

21Worra qachattii san keessa jiran maraa dhiira, intala daa'imman, jaarsota, sangaa, hoola'aa fi harree guraade'een sirima fixan.

22Iyyaasuunillee namoota lamaan lafa gaadaniin «Gara mana dubartittii seebartittii sanii seena'aa isi'ii fi waan isiin qabdu maraa akkuma isi'ii kakattanitti achii baasaa'a» isaaniin jedhe.

23Ijoolleen gaaddotaa sunniinillee gara mana isi'ii seenanii Ra'aabiin abba'aa fi haadha isi'ii, obboleewwan isi'ii, fira isi'iitii fi waan isiin qabdu maraa achii baasanii ganda Israa'eliitiin ala akka jiraatan godhan.

24Qachatti'ii fi waan qachaa san keessa jiru maraa ibiddaan guban; garuu birrii, worqi'ii fi meeshaa sibiila diimaa irraa hojjatame mana Rabbii ka meesha'aa keessa kaayan.

25Ergamtoota Iyyaasuun Iyyaarikoo haa gaadani'iif erge Ra'aabiin seebartittiin waan isaan dhossiteef maatii abbaa isi'iitii fi waan isiin qabdu maraa Iyyaasuun hin oolche; fiixaan isi'iillee haga adhaa banii Israa'elii jidduu jiraatan.

26Hennaa san Iyyaasuun «Namni qachaa Iyyaariko'oo tana ijaaru'uuf ka'e Rabbiin afo'otti haa abaaramuu; namni bu'uura isi'ii buusullee ilmi isaa ka hangafaa haa baduu; ka balbala isi'ii ijaarullee ilmi isaa ka maandha'aa haa baduu» jedhee abaare.Mot. 1ffaa 16:34

27Rabbi waan Iyyaasuu woliin jiruuf inni biyya maraa irratti gurra baye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help