Kitaaba Izra'aa 3 - Kitaaba Woyyuu

Seerri Rabbiin Waaqeffachu'uu Deebi'ee Jalqabame

1Hennaa jiini torbeesso'oo gaye ijoolleen Israa'elii uduu qachoota isaanii keessa jiraatan baniin yaada tokko ta'anii Yerusaalemitti wol gayan.

2Ilmi Iyyooseedeeqii Iyyaasuunii fi hiriyyoonni isaa gadoonni, ilmi Salaatiyaalii zarubaabeel obboleewwan ufii woliin ka'anii akkuma Seera Muusee nama Rabbiitiin barreeffametti ciincaa ciincawu irratti dhiyeessu'uuf hulee ciincaa irratti dhiyeessan Rabbii Waaqa Israa'eliitii hojjatan.

11«Rabbi arjaa waan ta'eef;

Israa'eliifillee dhiifamsi isaa ka bara baraa waan ta'eef» jedha'aa wol jalaa qaba'aa Rabbiin galatoonfata'aa;

ulfeeffata'aa turan; baniin maruu waan manni Rabbii jalqabameef qoonqa gudda'aan ililfatanii Rabbiin galatoonfatan.

Sen. 1ffaa 16:34; Sen. 2ffaa 5:13; 7:3; Far. 100:5; 106:1; 118:1; 136:1; Erm. 33:11

12Manguddoonni mana woyyuu duraa argan, worri gadootaa hedduu fi worri Leewwotaa bulchoonni manni abboota isaanii hennaa isaan afo'otti manni kun jalqabame guddisanii booyan; namoonni hedduu gammadanii iyya'aa turan.

13Worra laagaa gammachu'uutiin wocanii fi laagaa worra booyanii banii keessaa ka gargar baasuu danda'e hin jiru. Baniin waan guddisee woca'aa tureef laagaan isaanii fago'oo dhagayama ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help