1Ilma kiyya! jecha kiyya eegi;
ajaja kiyyallee uf keessatti qabadhu.
2Ajaja kiyya eegi lubbu'uun jiraattaa;
barumsa kiyyallee akka gumaa ija teetiititti
eeggadhu.
3Akka qubee qubaatitti hidhadhu;
gabatee garaa keetii keessatti barreeffadhu.
4Ogumma'aan «Ati obboleettii tiyya» jedhi;
hubanna'aanillee «Ati fira kiyya» jedhi.
5Dubartii seebartu irraa,
ta arrabaan nama sobdu
ta adaba hin qabne irraallee si eeganii.
Soba Dubartii Seebartuu6Foddaa mana kiyyaa keessaan
gara raasa'aa laalee;
7Dargaggeessa hubannaa dhidhu'uu,
worra bilchinna hin qabne keessatti arge;
ka'imman keessaa isa fooye.
8Kolba mana isi'ii qabatee
karaa mana isi'ii laddaan lufa'aa ture.
9Galgalaayee hennaa aduun dhiite
dukkanti halkanii seena'aa ture,
10Achiin dubartiin takka isa argu'uuf baate,
akka dubartii seebartuutitti uffattee dogoggorsu'uuf hidhatte.
11Isiin ta sagalee gad hin qabannee fi
ta maal naan jedhanii hin beenne
lutti isi'ii adabattee mana hin teettu.
12Hennaa tokko karaa keessa;
hennaa tokko bayima keessa,
qaxxaammura kara'aa irratti riphxi.
13Qabdee ufitti as buttee dhungatte,
saala malee akkana jetteen,
14«Mana kiyyatti ciincaa tokkumma'aa dhiyeessuun na irra ture;
adha woreega kiyya raawwadhe;
15Kanaafuu si argu'uuf baye;
si soqee ture kunoo si argadhe.
16Siree kiyya uffata haarrii,
biyya Misiriitii dhufe irra afeera.
17Siree kiyya
urgooftuu qumbii,
beenso'oo fi qurunfudii itti firfirseera.
18Koottu haga bariitutti jaalala cima'aan dharraa baanaa,
jaalalaan uf gammachiifnaa.
19Abbaan manaa kiyya mana hin jiru,
biyya fagoo deemeera.
20Inni qarshii korojo'otti guuttatee deemeera;
haga jiini goobanutti hin deebi'u.»
21Isiin jechoota mimmisha'aan dogoggorsiteen;
arraba laafa'aan isa sobde.
22Akka sangaa qalmaaf oofamuu,
akka gadamsa haga tiruun isaa woraannamutti
siiboo keessa seenuu,
23Akka simbira barartee siiboo seentuu,
mamii malee isii faanaa deeme;
kun akka lubbuu isaa dhabsiisa'aaru hin beenne.
24Ijoollee tiyya! ammallee na caqasaa'a;
waan jedha'aaru qalbi'iin na dhagayaa'a;
25Garaa keessan gara karaa isi'ii hin dabsatinaa'a
gara daandii isi'ii ka dogoggoraa hin bayinaa'a;
26Worri isiin salphiftee kuffifte baay'e'e;
worri isiin ajjeefte hagaa fi laakkobsa hin qaban.
27Manni isi'ii gara asaabaa geessa;
karaan isi'ii gara bultii du'aa geessa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.