Kitaaba Faaru'uu 26 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Nama Misha'aaFaaruu Daawitii

1Yaa Rabbi!

Ani waan mudaa hin qabneef atumti naa murteessi;

asii fi achi hin jedhu;

Rabbiin abdadheera.

2Yaa Rabbi! na qori;

fedhii kiyyaa fi yaada kiyya laali.

3Jaalalli kee ka bara baraa na afo'oo hin badu;

amanamummaan kee waan karaa natti mudhisuuf.

4Ani worra sobu woliin hin teenne;

worra fakkeessu woliinillee wol hin taane.

5Ani gumii worra waan hamaa hojjatuu hin jibbe;

worra hammeeyyii woliin taa'uu hin feene.

6Yaa Rabbi!

ani akka cubbuu hin qabne mudhisu'uuf harka dhiqadha;

hulee ciinca'aa kee irra naannaya.

7Laagaa faaruu galataa dhagayu'uuf;

maalalee kee odeessu'uuf.

8Yaa Rabbi! ani mana ati keessa jiraattuuf;

hulee kabajjaanii fi ulfinni kee jiru jaaladha.

9Worra cubbamtootaa ka dhiiga namaa jissan woliin

lubbuu tiyya hin balleessin;

jireenna kiyyallee hin balleessin.

10Harki isaanii waan hamaa huju'uun ka beekkame;

harka ufii ka mirgaatiin gabbarsuu fudhatan.

11Ani garuu jireenna mudaa hin qabne jiraadha;

naa araarami; na oolchi!

12Miilli kiyya lafa diriiraa irra dhaabateera;

gumii gugurdaa Rabbii maraa afo'otti Rabbiin galatoonfadha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help