Kitaaba Faaru'uu 125 - Kitaaba Woyyuu

Wobii Ijoolleen Rabbii Argatan

1Worri Rabbiin hedatan;

akka gaara Tsiyoonii ka uduu hin raafamne

baraa haga bara baraa jiraatuuti.

2Akkuma gaarran naannaya Yerusaalemii jiran

akkasuma Rabbi naannaya banii ufii jira.

3Worri balchaan hammeennaaf

akka harka ol hin fudhanne,

uleen hammeeyyi'ii lafa worra balcha'aaf kenname irra hin ooltu.

4Yaa Rabbi!

yabo'oo worra misha'aa,

worra qajeela'aaf waan mishaa godhi.

5Worra hammeeyyii gara karaa daba'aa deebi'an ammo,

Rabbi worra waan hamaa hojjatan woliin isaan balleessa;

nageenni worra Israa'elii irra haa ta'u!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help