Raajii Isaayyaasii 40 - Kitaaba Woyyuu

Dubbii Abdii Uf Keessaa Qabu

1«Jajjabeessaa'a; banii kiyya jajjabeessaa'a»

jedha Waandhi keessan.

2Yerusaalemitti salphisa'aa himaa'a;

isi'itti labsaa'a;

barri garbumma'aan tajaajilte gayeera;

gatiin cubbuu isi'ii kaffalameera;

waan cubbuu ufii maraaf

Rabbiin harkaa dachaa lama fudhatteerti.

3Laagaan nama labsii himuu akkana jedha,

«Karaa Rabbii;

lafa gammoojji'ii keessatti qopheessaa'a;

karaa ijoo Waaqa keennaa;

lafa onaa keessatti midhaassaa'a!

4Dhoondhi maruu ol jedha;

gaarranii fi tulloonni maruu gad jedhan;

lafti goobaa fi dhooqaa wol qixxaaya;

bu'aa bayiin maruu raasaa ta'a.

5Ulfinni Rabbii hin mudhata,

namni maruu woliin isa argan;

waan afaan Rabbii kana dubbateef.

6Laagaan tokko, «dubbii raagaa iyyii labsi» naan jedhe;

anillee, «Maal jedhee iyya?» jedhe;

«Namni maruu akka margaati;

ulfinni isaa maruu akka abaaboo raasa'aati.

7Margi hin goga; abaaboonillee hin harca'a;

Hafuurri Rabbii waan itti bubbiseef

baniin dhugama akkuma margaati.

8Margi hin goga; abaaboonillee hin harca'a;

dubbiin Waaqa keennaa garuu baraa haga bara baraa

jabaatee jiraata.»

9Ati ka Tsiyoonitti waan gammachu'uu himtu

gaara ol jedhe gubbaa bayi

ati ka Yerusaalemitti gammachuu himtu

laagaa ol qabadhuu iyyi;

ol qabadhu; hin sodaatin;

qachoota Yihuuda'aatittillee

«Waandhi keessan kunooti!» jedhi.

10Kunoo Rabbiin waa maraa olii hunnaan dhufa;

hunna ufiitiin bulcha;

kunoo gatiin isa woliin jira;

gatiin kaffalullee isuma woliin jira.

11Tika ufii akkuma tisse'eetitti bobbaasa;

ilmoolee irree ufiitiin wolitti qaba;

ammuu keessatti isaan qaba;

worra hoosisanillee seerumaan isaan masakka.Eentu Rabbiin Wol Morka?

12Ka galaannan kornye'een safare;

ka samiiwwan taakku'uun bikke;

ka biyyee ardi'ii bikkitu'uun wolitti qabe;

ka gaarran madaalaan;

ka tulloota madaalaan bikku eennu?

13Ka Hafuura Rabbii hubate;

ka gorsaa ta'ee isa barsiise hoo eennu?

14Rabbi beekkumsa argachu'uuf eennuun mari'ate?

karaa sirrii hoo eentu isa barsiise?

ka beekkumsa isa barsiise;

ka karaa hubanna'aallee isatti mudhise

eennuun ture?

15Kunoo baniin akka copha waabaa keessaati;

akka daaraa madaallii irra jiruutitti laakkayaman;

Lafa bisaaniin marfamte

akka daaraa bullaaya'aatitti

isaan madaala.

16Libaanos ibidda ciinca'aatiif hin geettu;

laakkobsi horii isi'ii ciincaa ciincayuuf

hin gayan.

17Baniin maruu isa afo'otti womaa miti;

isaan isa afo'otti womattuu hin laakkayaman.

18Eeganaa Rabbiin eennuun wolitti

bikkitan?

fakii kamiin wolitti fakkeessitan?

19Fakii bocame ka ogummaa harkaa qabutu boca;

ka worqii bassu worqii itti maxxansa;

haada sibiilaa ka meeti'ii tolchaaf.

20Hiyyeessi dhabaan kennaa akkanaa dhiyeessuu hin dandeenne;

muka hin xiinxanoofne filata;

fakii hin kufne dhaabu'uuf

ogeessa beekkamaa barbaada.

21Isin hin beennee?

hin dhageennee?

dur irraa isinitti hin himamnee?

biyyi lafaa attamitti akka hundoofte isin hin hubannee?

22Inni korboo lafaa gubbaa teessoo ufii irra

taa'a;

baniin isi'ii akka awwaannisaati;

samiiwwan akka golgaa diriirsa;

akka daasee keessa jiraataniititti isaan dhaaba.

23Bulchoota waan diqqoo;

worra adunyaa tana bulchan

akka waan hin jirree isaan godha.

24Dhaabamanii uduu womaa hin turre;

facaafamanii uduu hagamillee hin turre;

Hidda gad fageeffachuu uduu hin jalqabne;

itti bubbise; isaanillee hin gogan;

haboonbolattiin akka bura'aatitti haxaayee

isaan fudhate.

25Woyyichi, «Eennuun wolitti na qixxeessitan?

eentu natti qixxaayalle'e?» jedha.

26Ol jedha'aa gara sami'ii laalaa'a;

ka kanniin maraa uume eennu?

ka duultota urjiiwwanii tokko tokkoon baasu;

ka maqaa isaaniitiin isaan waamu isuma;

sababaa guddinna jabeenna isaatii fi

jabeenna dandeettii isaatiin tokkochillee hin badu.

27Yaaqoob! maaf akkana jetta?

Israa'eel! maaf akkana dubbatta?

«Karaan kiyya Rabbiin jalaa dhokateera;

Waandhi kiyya murtii tiyyatti lash jedheera»

maaf jetta?

28Hin beettuu?

hin dhageennee?

Rabbi Waandhi bara baraa

ka daangaa lafaa mara uume.

Hin dadhabu; hin laafu;

hubannaa isaa eennullee qoratee bira gayuu

hin danda'u.

29Ka dadhabee jabeenna kenna;

ka haree hunna eda'a;

30Ka'immanuu hin dadhaban; hin laafan;

dargaggeeyyiin gufatanii kufan.

31Worri Rabbiin abdatan garuu hunna ufii

haarawoomfatan;

akka bajjaatitti koolaan bararan;

hin fiigan; hin laafan;

hin deeman; hin dadhabanille'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help