Seera Uumamaa 26 - Kitaaba Woyyuu

Yisaaq Geeraraa Keessa Jiraate

1Beelli bara Abrahaam jiruu caalaa beelli guddaan lafa irratti dhufe; Yisaaqillee gara Abemelekii mootii Filisxeemii gara Geerara'aa dhaqe.

2Rabbi itti mudhatee, «Gara biyya Misirii hin dhaqin; hulee ani siin jedhu taa'i;

3ani si woliin ta'aa; si eebbisaa; biyya kana maraa si'ii fi hortee keetiifillee hin kennaa; waadaa abbaa kee Abrahaamii galellee hin raawwadha.

4Hortee kee akka urjii Sami'ii baay'isa; lafa kanniin maraa hortee keetii kenna; baniin biyya lafaa maruu hortee keetiin eebbifama.» jedhee itti baase waan sababaa isi'iitiif wol lolaniif.

21Boolla biraallee qotanii san irrattillee wol lolan; maqaa isi'iillee «Sixinaa» jedhee itti baase.

22Ammallee achi siiqee boolla biraa qochisiise; isii irratti waan wol hin lolleef maqaa isi'ii «Rihooboot» jedhee waame; Rihooboot jechuun Rabbi nuu badhise, lafa irrattillee hin baay'anna jechu'u.

23Achiin maayessa Yisaaqi gara Beersaabeehii dhaqe;

24halkan san Rabbi itti mudhatee, «Ani Waaqa Abrahaamii abbaa keetiiti; hin sodaatin ani si woliin jiraa, si eebbisaa, garbicha kiyya Abrahaamiif jedhee fixaa kee baay'isaa» jedheen.

25Yisaaqi achitti hulee ciinca'aa hojjatee maqaa Rabbii waame; achitti daasee ijaare; hojjattoonni Yisaaqiillee achumatti boolla bisaanii ka biraa qotatan.

Wolii Galtee Yisaaqiitii Fi Abemelekii

26Abemelek, gorsaan isaa Akoozaatii fi bulchaan loltootaa Fiikoolillee Geerara'aa gara isaa dhaqan.Ser. Uma. 21:22

27Yisaaq, «Na jibbitanii uf irraa na hin ariinee? maaf gara kiyya dhuftan?» isaaniin jedhe.

28Isaanillee, « Dhugamaan akka Rabbi si woliin jiru argineerra,

29kanaaf nu akka si hin miinee fi mishummaa callaa akka sitti mudhifne, nagayaan akka si geegessine amma akka Rabbi si woliin jiruu fi nama Rabbi eebbise akka taate arginee nu'uu fi si'i jidduu waadaa kaayachu'uuf dhufne» jedhaniin.

30Yisaaqillee waan nyaatan isaanii dhiyeesse; isaanillee nyaatanii dhugan.

31Ganamaan ka'anii wolii kakatan; Yisaaqillee isaan geegesse; isaanillee nagayaan isa biraa deeman.

32Gaafasuma hojjattoonni Yisaaqii dhufanii akka boolla qotanii bisaan argatan Yisaaqitti himan.

33Inni maqaa isi'ii «Saabeehi» jedhee itti baase; kanaaf qachattiin sun haga adhaa «Beersaabeehi» jedhamti.

Fuudha Eesawu Fiixaa Ufiitiin Ala Fuudhe

34Eesawu fiixaa ufiitiin al fuudhe; Eesawu hennaa umuriin isaa woggaa afurtamaa ta'u mucattii Bi'eerii nama Keexotaa Yoodiitii fi mucattii Eeloonii nama Keexotaa Beeseemootiinillee hin fuudhe.

35Fuuti kun Yisaaqii fi Ribqaa gaddisiisa'aa ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help