Kitaaba Faaru'uu 15 - Kitaaba Woyyuu

Waan Rabbi Namoota Irraa BarbaaduFaaruu Daawitii

1Yaa Rabbi!

gara hulee ati jiraattuu eentu seena?

gaara woyyuu kee irra

eentu jiraata?

2Ka jireenna mudaa hin qabne jiraatu,

ka waan balchaa hojjatu,

ka garaa ufii keessatti dhugaa dubbatu,

3Ka namoota hin hamanne;

ka goshoo ufii irratti waan hamaa hin goone,

ka ollaa irratti waan hin taane hin odeessine,

4ka namoota waan hamaa hojjatan tuffatuu fi

ka worra Rabbii ajajaman kabajju,

ka waan waadaa gale yoo hagamillee ulfaate raawwatu,

5Ka horii dhalaan namatti hin liqeessine,

ka nama nagayaa irraa gabbarsuu hin fudhanne,

namni waan akkanaa kanniin godhu nagayaan jiraata malee sirima hin raafamu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help