1Waaqa haluu baatu; ati yaa Rabbi!
Waaqa haluu baatu; ifii mudhadhu.
2Ati abbaa murtii ardi'ii; ka'i;
worra uf jajanii hujii harka isaanii kenniif.
3Yaa Rabbi; hammeeyyiin haga yoomii;
hammeeyyiin haga yoomii burraaqan?
4uf tuultoonni jechoota gad naqan;
worri waan hamaa hojjatan maruu uf jajan.
5Yaa Rabbi! banii kee hin butuchan;
banii kee hin cunqursan.
6Haadha hiyyeessaatii fi galaa hin ajjeesan;
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabne hin ajjeesan.
7Isaan, «Rabbi hin argu;
Waandhi Yaaqoobii hin hubatu» jedhan.
8Isin wollaatonni banii keessa jirtan;
qaabadhaa'a!
isin worri gowwaan; yoom ka ogeeyyii taatan?
9Ka gurra namaa kenne hin dhagawuu?
ka ija uume hin arguu?
10Ka banii xixee kara'atti deebisu;
ka beekkumsa ilmaan namaa barsiisu
hin adabuu?
11Rabbi yaanni namaa duwwaa gatii hin qabne akka ta'e
hin beeka.
12Yaa Rabbi! namni ati gorsitu;
ka ati seera kee barsiiftu ka galataati.
13Haga cubbamtootaa boolla qotutti;
isa rakkoo irraa hara baafachiifta.
14Rabbi banii ufii hin gatu;
banii ufiillee hin dhiisu.
15Murtiin deebi'ee seera balchumma'aa irratti hundaaya;
worri garaa qajeela'aa maruu isa hordofan.
16Ka hammeeyyii na irraa dhooggu eennu?
worra dhara dhayu woliin ka naa mormu eennu?
17Uduu Rabbi gargaaraa kiyya ta'uu baatee;
silaa lubbuun tiyya daftee
gara worra du'anii cadhisanii buuti turte.
18Hennaa ani, «lutti tiyya na mucucaatte» jedhe,
Yaa Rabbi jaalalli kee irkisee na qabe.
19Haguma hucuuccaan garaa kiyya keessaa guddateen;
jajjabeessuun kee lubbuu tiyya gammachiise.
20Ka dhibuu akka seeraatitti laalu;
masakkaan murtii dabsu,
siin wolii galaa ree?
21Balcha'atti hiriiraan bayan;
qulqulloota irratti du'a murteessan.
22Rabbi ammo anaaf maandhee;
Waandhi kiyya goda itti irkadhu naa ta'eera.
23Yakka isaanii isaanumatti deebisa;
hammeenna isaaniitiif isaan balleessa;
Rabbi Waandhi keenna isaan diiga.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.