1Yaaqoob akka midhaan biyya Misirii jiru dhagayee ijoollee ufiitiin «Maaf cadhiftanii ija keessa wol laaltan?
2ani akka biyya Misirii keessa qamadiin jiru dhagayeera; garas dhaqa'aa bita'aatii du'a nu oolchaa'a» isaaniin jedhe.
10Isaanillee, «Gooftaa keenna; akkasii miti; nu garboonni tee qamadii bitatu'uuf dhufne;
11nu martinuu ijoollee abbaa tokkooti; nu garboonni tee gaaddu'uu miti worra dhuga'aati» jedhaniin.
12Innillee «Akkasii miti isin worra beela biyyaa laalu'uuf dhufe» isaaniin jedhe.
13Isaanillee, «Nu garboonni tee biyya Kana'aanii keessatti obboleewwan kudha lama; nu ilmaan abbaa tokkooti; obboleessi keenna ka maandha'aa abbaa keenna bira jira; tokko ammo hin bade» jedhaniin.
14Yooseefillee, «Akkuma isiniin jedhe isin gaaddu'u;
15eeganaa namoota dhuga'aa ta'uun keessan ka qoratamee laallamu kanaan, haga obboleessi keessan ka maandha'aa dhufutti maqaa Fari'ooniitiin kakadhaa isin asii hin baatan.
16Wonti isin jettan yoo dhugaa ta'e isin keessaa nama tokko erga'aatii obboleessa keessan qabatee haa dhufuu isin mana hidha'aa keessa taa'aa'a; yookaan ammo isin namoota lubbuu Fari'oonii gaadu» isaaniin jedhe.
17Achiin maayessa guyyaa sadihiif mana hidha'aa keessa isaan tursiise.
18Guyyaa sadeesso'oo Yooseef, «Ani waan Rabbiin sodaadhuuf yoo uf oolchuu barbaaddan waan kana godhaa'a;
19isin yoo namoota dhuga'aa taatan isin keessaa namni tokko haa hidhamuu isin ammo deema'aatii beela mana keessaniitiif midhaaniin galadhaa'a.
20Achiin maayessa obboleessa keessan ka maandha'aatiin koottaa'a; yoo san isin namoota dhuga'aa taatan; hin duutanille'e» isaaniin jedhe.
21Isaan «Nu dhugamaan obboleessa keenna miineerra; hennaa inni lubbuu ufiitiif muddamee worwaatu waan isaa hin dhageenneef rakkinni kun nu irra gaye» woliin jedhan.
22Roobeelillee «Ani mucaa hin miidhinaa isiniin hin jennee? isin ammo yoo san naa hin dhageenne; kunoo kanaaf dhiinni isaa nu soqa'aara» isaaniin jedhe.Ser. Uma. 37:21-22
23Isaan akka Yooseef isaan dhagaya'aaru hin beenne; waan jidduu isaanii namni afaan hiiku jiruuf.
24Yooseef ammo isaan biraa dabal jedhee booyee gara isaanii deebi'ee uduma isaan argan Simooniin fuudhee hidhe.
Obboleewwan Yooseefii Gara Biyya Kana'aanii Deebi'an25Yooseef qalqala isaaniititti midhaan akka buusaniif qarshii isaanii qalqala isaanii maratti akka deebisanii dhalee kara'aallee kennaniifiif ajaje; isaanillee akkuma inni jedhe san isaanii godhan.
26Isaanillee midhaan harree ufiititti fe'atanii deeman.
27Isaan keessaa namni tokko hulee bulanitti harre'eef okaya kennu'uuf afaan qalqalaa yoo hiiku qalqala keessatti qarshii arge.
28Inni obboleewwan ufiitiin, «Qarshiin tiyya naa deebite; kunoo afaan qalqalaa irra jirti» isaaniin jedhe; isaan ammo guddisanii nayanii hollata'aa «Rabbi maal nutti fide?» woliin jedhan.
29Isaan gara biyya Kana'aanii gara abbaa ufii gara Yaaqoobii galanii waan isaan irra gaye maraa abbaa ufiititti himan.
30«Bulchaan biyya sanii gaadduu biyya lafaa nu fakkeessee waan hamaa nutti dubbannaan
31‹Nu worra dhugaa dubbatu malee gaaddu'uu miti;
32nu ijoollee kudha lamman ilmaan abbaa tokkooti; tokko hin bade, ka maandha'aa ammo biyya Kana'aaniititti abbaa keenna woliin jira» jenneen.
33Bulchaan biyyaa sun «Isin yoo worra amanamaa taatan obboleessa keessan tokkocha na biratti hambisa'aatii worra beelayanii mana jiraniif midhaan fida'aa; anillee kanaan isin beekaa;
34Isin worra dhuga'aatii fi gaadduu ta'u'uu fi ta'uu dhabuu keessan kanaan beekaa; obboleessa keessan ka maandha'aa naa fidaa'a; obboleessa keessan deebisee isinii kennaa; isinillee biyya tana keessa deema'aa daldaltan› nuun jedhe» jedhanii abbaa ufiititti himan.
35Kanaan maayessa hennaa qalqala ufii hiikan isaan maruu qarshii ufii qalqala keessatti hidhamee arganii isaanii fi abbaan isaaniillee hin nayan.
36Abbaan isaanii Yaaqoobillee «Ijoollee na dhabsiiftan; Yooseefii fi Simoonillee hin jiran, Biiniyaamiinillee na jalaa fuudha'aartan; waan kana maraanuu ka rakkatu ana!» isaaniin jedhe.
37Roobeelillee abbaa ufiitiin, «Natti kenni yoo ani deebisee sii fiduu baadhe ijoollee tiyya lamaan ajjeesi» jedheen.
38Yaaqoobillee «Obboleessi isaa waan du'eeruuf mucaan kiyya isin woliin hin deemu; maal laataa karaa deemtanitti wonti hamaan uduu isa irra gayee ani jaarruma kiyya keessa gadda'aa du'a» isaaniin jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.