1«Gadoonni worra Leewwi'iitii fi gofti worra Leewwi'ii maruu worra Israa'elii biratti gaye'ee fi lafallee hin qabaatan; ciincaa ibiddaan Rabbii ciincawu ka worra Israa'elii nyaatan.
2Obboleewwan ufii birattillee lafa hin qaban; akkuma Rabbi isaanitti hime gayeen lafa isaanii Rabbuma.
3«Hennaa horiin gaafa qabu yookaan hoolaan ciincawu irree, boqoo lamaanii fi garaacha gadootaa kennitan.
4Hangafa kennaa midhaanii, ka daadhii woyini'ii, ka sayiti'iitii fi rifeensa hoola'aa ka dura muramellee gadichaa kennitan.
5Wonti isin kana gootaniif akka inni ijoollee ufii maraa woliin ka'ee baraa haga bara baraa Rabbii hojjatuuf; Rabbi Waandhi kee gosa maraa keessaa waan isa filateef.
6«Namni Leewwi'ii tokko biyya Israa'elii qachaa kamiin keessaayyuu ka'ee hulee Rabbi itti waaqeffamu dhufuu yoo barbaade,
7Waan worri Leewwotaa achitti hojjatan innillee hojjachu'uun Rabbiin haa tajaajiluu;
8dhiyana gadoonni kuuwwanillee argatan innillee hin argata; waan maatii isaa irraa argamuunillee fayyadamuu hin danda'a.
Gorsa Waan Hamaa Worri Ormaa Hojjatan Akka Hin Hojjanneef Kenname9Hennaa gara biyya Rabbi Waandhi kee sii kennuu galte waan battii worri ormaa sunniin hojjatan hin hojjatin.
10Ka mucaa ufiitii fi mucatti ufii ciincessu'uuf dhiyeessu, mortuun, ka moora laalu, ka asmaa hojjatu, ka mita hojjatu,Raatticha Biraa Ka Akka Muuse'ee
14Kanaan maayessa Muuseen akkana jedhe, «Ormi ati dhaaltu kunniin worra moora laalanii fi worra mortuu caqasan; ati garuu akka waan kana hin goone Rabbi Waandhi kee si dhooggeera.
15«Rabbi Waandhi keessan gosa keessan jiddu'uu raagaa akka kiyyaa filee isinii kaasaa waan inni isiniin jedhe maraa caqasu'uun worra ajajamtan ta'aa'a;
20Garuu namni waan ani isa hin ajanye maqaa kiyyaan uggaan dubbatu yookaan raanni maqaa waaqolee tolfamaa biraatiin dubbatu haa ajjeefamuu.
21« ‹Dubbiin raagaa ka raanni tokko dubbatu ka Waaqa irraa hin kennamne ta'uu maali'iin adda baafnee beenna?› jettanii gaafachuu dandeettan.
22Raanni sun maqaa Rabbiitiin raaga dubbatee uduu hin raawwatamne yoo hafe raanni raagame sun ka Rabbiin irraa kennamee miti; raagaan dubbate sun ufuma irraa waan dubbateef isa hin sodaatin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.