1Kunniin mammaakkan Solomoonii ka biraa
ka namoonni Hisqiyaasii mootii Yihuuda'aa barreessan.
2Waa dhossuun Rabbiif ulfinna;
waa qotanii baasuun garuu moototaa ulfinna isaaniiti.
3Akkuma samiiwwan ol fagoo ta'an
akkuma laftillee gad fagoo taate
garaan moototaallee akkasuma hin qoratamu.
4Dammeessaya meetii irraa balleessi;
ka bassullee waan qulqulluu argataa.
5Hammeenna mootii afo'oo fageessi;
teessoon isaallee balchumma'aan jabaattee dhaabatti.
6Mootii afo'otti ol ol uf hin qabin;
manguddoota keessatti argamuu hin jaalatin.
7Nama guddaa afo'otti ka si salphisee mannaa;
«Garana ol siiqi» yoo siin jedhe woyya.
waan ijaan argite maraa;
8gara afoo murti'ii ariiti'iin hin baasin;
hiriyyaan kee yoo si salphise lamuu lafa kamtu si liqimsa?
9Hennaa waan keetiif hiriyyaa keetiin wol mormitu;
dhossaa nama biraa hin baasin.
10Yookaan ka kana dhagayutu si salphisa
maqaa kee takka bannaan deebisuu hin dandeettu.
11Dubbiin haalaan dubbatame;
akka worqii killa hudha qabuu ka meeti'iin hojjatameeti.
12Gurri gorsa nama ogeessaa dhagayu
akka qeshoo worqi'ii yookaan akka faaya worqi'iiti.
13Akkuma hennaa midhaan haama'aa bisaan barada'aa garaa namaa qabbaneessu;
ergamaan amanamaan ka isa ergeefillee akkasuma;
gooftota ufiillee waan gammachiisuuf.
14Namni kennaa arjumma'aa hin kennine hin kenna jedhee odeessu
akka rooba duumessaa fi qilleensa hin qabneeti.
15Obsaan bulcha'aan wolii galuun hin danda'ama;
arrabni laafaanillee lafee cabsa.
16Damma yoo argatte hagatti nyaadhu;
yoo baay'ate ol si deebisiisa.
17Gara mana hiriyyaa keetii deemuu hin guddisin;
hifachiifteenii si jibbaa.
18Namni dharaan hiriyyaa ufiititti ragu
akka ulee jirmaa, akka guraade'eetii fi akka eboo qaramteeti.
19Hennaa rakko'oo nama hin amanamne abdachuun
akka waan ilkaan balla'ee fi luka laamshaye abdateeti.
20Nama garaan gaddee faarfatuun,
akka nama gaafa qorraa uffata baafatuu,
yookaan akka sooqidda mada'atti naqaniiti.
21Diina kee yoo beelaye nyaachisi;
yoo dheebote obaasi.
22Kana godhuu keetiin mataa isaa irratti
barbadaa tuulta;
Rabbillee gatii kee sii kaffala.
23Akkuma bubbeen kaabaa rooba fidu;
akkasuma arrabni hamatu fuula badaa fida.
24Haadha manaa nyakkiftuu woliin mana tokko keessa jiraachu'uu mannaa;
qaccee ginnoo manaa gubbaa jiraachuu woyya.
25Oduun mishaan fago'oo dhufu
akka bisaan qabbanaayaa lubbuu dheebotte dheebuu baasuuti.
26Namni qajeelaan nama hama'aa jilbiiffatu
akka burqaa boorayee yookaan akka bisaan boollaa ka faalameeti.
27Hagaa olitti damma nyaachuun misha'aa miti;
ulfinna ufii barbaaduun nama hin kabajjisiisu.
28Namni uf hin qabne
akka qachaa kaloon isi'ii diiggamteeti.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.