1Lubbuun tiyya Rabbiin hara baafatti;
Fayyinni kiyyallee isuma biraa dhufa.
2Inni godaa fi qorsa kiyya;
irkoon kiyya isa;
sirima hin raafamu.
3Nama haga yoomii miitan?
girgiddaa daaqe kana,
kaloo daaxxe, isin marti dhiibdanii
jissuu dandeettanii?
4Ulfinna guddaa irra isa salphisu'uuf
waan kana malan;
bakka sobni jirutti gammadan;
afaaniin hin eebbisan;
garaa ufii keessatti ammo hin abaaran.
5Lubbuu tiyya! boqadhuu
Rabbuma callaa eegi;
abdiin kiyya isa biraa waan ta'eef.
6Inni godaa fi qorsa kiyya;
irkoon kiyya isa;
sirima hin raafamu.
7Fayyinninii fi ulfinni kiyya Rabbumaan;
gonni jabaanii fi ka ani kooluu itti galu Rabbi.
8Banii! hennaa maraa isa hedadhaa'a;
yaada garaa keessanii isa afo'otti dhiyeessaa'a;
Rabbi waan irkoo keenna ta'eef.
9Worra tuffatamaa irraa dhalachuun duwwa'a;
ka kabajjaa qabu irraa dhalachuunillee soba;
yoo madaala irrattillee ol bayanii mudhatan
maruu wolumatti qilleensa irra salphatan.
10Saamicha hin hedatinaa'a;
waan buttan abdii hin godhatinaa'a;
kanaan yoo duroomtan qalbiin keessan
kana abdii hin godhatin.
11Rabbi waan tokko dubbate;
ani kana hennaa lama dhagaye;
hunni ka Rabbiiti.
12Yaa Gooftaa'a! jaalalli bara baraa keeti;
ati maraafuu,
akkuma hujii isaatitti isaa kaffalta.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.