Kitaaba Iyyoobii 3 - Kitaaba Woyyuu

Iyyoob Guyyaa Dhalate AbaareIyyoob

1Kanaan maayessa Iyyoob afaan banatee guyyaa itti dhalate abaare.

2Iyyoob deebi'ee akkana jedhe.

3«Guyyaan itti dhaladhe sun haa badu!

halkan ilmi dhiiraa gadaamessa keessa taa'e jedhame sun;

4Guyyaan sun dukkana haa ta'u;

Rabbi olii isa hin laalin,

Ifnillee isa irratti hin ifin.

5Dukkanniinii fi gaaddidduun du'aa qabeenna ufii haa godhatuu.

duumessi isa irra haa ta'u;

dukkanni guyya'aa maruu isa haa sodaachisu.

6Halkan san dukkanni haa qabu;

guyyoota wogga'aa keessatti hin laakkayamin;

ji'oota keessatti hin yaadatamin.

7Halkan sun dhabaa haa ta'u;

ililtaan isa keessatti hin dhagayamin.

8Worri guyyaa abaaran;

worri Leewaataaniin kaasu'uuf qophaayanillee halkan san haa abaaran.

9Bakkalchan halkan san bayan haa dukkanaayan;

ifa eeggatu haa dhabuu;

biiftuun ganamaa isa irratti hin bayin.

10Balbala gadaamessa haadha tiyyaa waan na irratti hin cufneef,

rakkinna kiyyallee na afo'oo waan hin dhossineef.

11«Maal uduu hennaa dhaladhu san badee!

maal uduu akkuma gara'aa bu'een du'ee!

12Gudeenni haadha tiyyaa,

harmi ani hodhe maaf argaman?

13silaa ani nagayaan ciisa;

rafee hara baafadha ture.

14Mootota lafaa ka waan diiggamee mudhatu deebisanii ufiif ijaaratanii fi

gorsitoota woliin,

15Yookaan worra mana ufii qarshi'iin guutan ajajoota worqii qaban woliin silaa hara baafadha ture.

16Yookaan maal uduu akka rimaya garaa keessatti du'ee;

maal uduu akka daa'ima ifa hin arginee ta'ee jiraadhee?

17yoo san silaa worri hammeeyyiin gooluu dhiisan;

hennaa san worri dadhabanillee achitti hara baafatan.

18Worri booji'amellee nagaya argatan;

laagaa aari'ii ka worra isaan hujjisiisanii dhagayuu jalaa bilisa ta'an.

19Namoonni didiqqaanii fi gugurdaan tokkumma'aan argaman;

garboonni gooftota ufii jalaa bilisa bayan.

20«Worra dhiphinna keessa jiraniif ifa;

worri jireenni isaanii gaddaa fi hadha'aan guuttame

maaf lubbu'uun jiraatan?

21Worra du'a hawwaniif,

worra qabeenna dhokate caalaa barbaadanii hin arganneef

maaf jireenni kennama?

22Worra hennaa gara awwaalaa deeman gammachuun isaanitti dhagayamuu,

maaf jireenni kennamaaf?

23Nama karaan jalaa dhokateef

Nama Rabbi kaloo itti kalee

maaf jireenni kennamaaf?

24Booyichi dhiyana naa ta'e,

woyachuun kiyyallee akkuma bisaaniititti dhangala'a.

25Wonti ani sodaadhe na irra gaye,

wonti na naasisullee natti dhufeera.

26keessi kiyya waan na raafameeruuf,

nagaya, tasgabbi'ii fi hara baafata hin qabu.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help