1Abraam haga nama woggaa sagaltamii sagalii ta'e, Rabbi Abraamitti mudhatee «Ani El Shaadaayi'i; na afo'otti akka ta'utti jiraadhu; nama guutuu ta'i.
2Anaa fi si'i jidduu waadaa kiyya kaaya; ani hortee kee guddisee baay'isa» jedheen.
3Kanaan maayessa Abraam kallacha ufiitiin gad kufee sagade; Rabbillee, «Ani si woliin waadaa galeera;
4Ati abbaa banii maraa taata;
5Adha irraa jalqabee maqaan kee Abraam jedhamee hin waamamu; maqaan kee Abrahaam ta'a; waan abbaa banii maraa si taasiseef.
6Guddisee si badhisa; banii guddaa si taasisa; mootonni si keessaa dhalatan.
7«Waada kiyya anaa fi si'i, hortee keetii fi hortee siin maayessaa jidduu'u, baraa haga bara baraa kaaya; akka ani si'ii fi hortee kee ka siin maayessa dhufuuf Waaqa ta'u.
9Ammallee Rabbi Abrahaamiin, «Ati waadaa kiyya hin eedda; atii fi horteen kee ka siin maayessaallee.
10Waadaan kiyya ka atii fi horteen kee ka siin maayessa dhufullee eeddan kana; isin keessaa dhiirti maruu haa gadoomanii,
16Isii hin eebbisa; ilmallee hin kennaaf; haadha banii baay'e'ee taati; mootonni biyya lafaa isii keessaa dhalatan» jedheen.
17Kanaan maayessa Abrahaam kallacha ufiitiin kufee kolfee garaa ufii keessatti, «Namni woggaa dhibbaa hin uumataa? Saaraan woggaa sagaltamatti hin deettii?» jedhe.
18Abrahaam Rabbiin, «Uduu Ismaa'eel si afoo jiraatee silaa hin gammada ture» jedhe.
19Rabbi Abrahaamiin «Haati manaa tee Saaraan dhugamaan ilma sii deetti; maqaa isaallee Yisaaqi jettee waamta; isaa fi fiixaa isaa ka isaan maayessa dhufuu waadaan kiyya ka bara baraa akka ta'u isa woliin godhadha.
20Waan Ismaa'eeliillee sii dhagayee isa eebbiseera; fiixaa isaa hin guddisa; guddisee baay'isa; inni bulchaa gosa kudha lamaa ta'a; banii guddaa isa taasisa.
21Bara dhufu hennaa tana waadaa kiyya Yisaaqii Saaraan sii deettu woliin godha» jedheen.
22Waan kana jedhee haga fixeen maayessa Rabbi Abrahaamiin biraa deeme.
23Abrahaamillee ilma ufii Ismaa'eliin, worra mana isaa keessatti dhalatan, garboota horii ufiitiin bitate maraa maatii ufii keessaa dhiira maraa fuudhee gogaa saala isaanii dhossu maraa akkuma Rabbi isaan jedhetti guyyaa saddeetesso'ootitti gadoomse.
24Abrahaam hennaa gadoomu nama woggaa sagaltamii sagalii ture.
25Ilmi isaa Ismaa'eelillee hennaa gadoomu nama woggaa kudha sadihii ture.
26Abrahaamii fi ilmi isaa Ismaa'eelillee guyyama tokko gadooman.
27Worri manatti dhalatanii fi namoonni diidaa hori'iin bitaman maruu isa woliin gadooman.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.