Seera Keessa Deebii 17 - Kitaaba Woyyuu

1«Sangaa yookaan hoolaan mudaa qabu yookaan ka wonti hamaan irra jiru Rabbii Waaqa kee afo'otti ka jibbame waan ta'eef Rabbii Waaqa keetiif hin ciincessin.

2«Biyya Rabbi Waandhi kee sii kenne keessatti dhiira yoo ta'e dubartii namni Rabbiin afo'otti Waadaa diigee Rabbiin afo'otti yoo waan badaa hojjate,

3ka deemee waaqa tolfamaa biraa waaqeffate, ka waan ani isaan hin ajanye aduu, addeessaa fi duula Sami'ii maraa sagadee yoo argame waan kana dhufanii sitti himanii yoo dhageette,

8Yoo waan dhiigaatii fi waan dhiigaa, waan murti'ii waan mada'aa biyya kee keessatti namoonni irratti waan wol mormaniif murtiin ati murteessitee hin dandeenne yoo ati kaatee hulee Rabbi Waandhi kee filate dhaxxee,

9worra gadoota, Leewwotaatii fi abboota murti'ii ka bara san filaman bira dhaxxee gaafatta; isaanillee waan murtii sanii sitti himan.

10Atillee murtii isaan sitti himan san hulee Rabbi Waandhi kee filatetti raawwatta; akkuma isaan si barsiisanitti eegii raawwadhu.

11Atillee seera isaan si barsiisanii fi murtii isaan sitti himan irraa bita'aa fi mirga hin gorin.

12Namni kamuu yoo uf jaje achitti gadootaa fi abboota murti'ii ka Rabbiin tajaajilu'uuf dhaabatan jalaa dhagawuu yoo dide namni sun haa ajjeefamuu; worra Israa'elii keessaa waan hamaa balleessi.

13Akkaataa kanaan baniin maruu dhagayee sodaata; achiin maayessa namni kamuu uf hin jaju.

Qajeelcha Waan Mooti'iitiif Kenname

14«Hennaa biyya Rabbi Waandhi kee sii kennetti galtee dhaalteen maayessa; hennaa isii keessa jiraattu akkuma orma naannoo kiyya jiruu mootii uf irratti moosisuu yoo barbaadde,

18Hennaa mootii ta'ee teessoo irra taa'e seera kana gadoota, Leewwota irraa fuudhee kitaaba ufii keessatti haa katabuu;

19-20Rabbii Waaqa ufii sodaachuu akka baratu, dubbii seeraa kanallee eegee akka raawwatu, onneen isaa obboleewwan ufii irratti akka uf hin janye ajaja irraallee bita'aa fi mirga akka hin jenne inninii fi ijoolleen isaallee bara baay'ee Israa'eliin irratti akka mooyan kitaabni kun isaan woliin jiraatee bara umurii ufii maraa haa dubbisuu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help