Kitaaba Faaru'uu 88 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Gargaarsa Rabbii Argachu'uuf KadhatanFaaruu ijoollee Qore'ee ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate ka maahilati'iin faarfatamu; barumsa Eemaanii Iyiziraa'elichaa.

1Yaa Rabbi! Waaqa fayyisaa kiyya taate!

halkanii fi guyyaa si afo'otti iyya.

2Faateen tiyya si bira haa geettu!

gurra kee gara iyya kiyyaa deebisi!

3Lubbuun tiyya waan guddiftee rakkatteef;

jiruun kiyyallee gara asaabaa dhiyaateera.

4Ani worra gara boollaa bu'an woliin

laakkayame;

ani hunna dhabe.

5Akka worra du'ee awwaala keessatti gatamanii;

akka worra ajjeefamanii awwaala keessa ciisanii;

akka worra ati ammaa achi hin yaadannee;

akka worra si harkaa bayanii badanii ta'e.

6Qilee gad fagoo keessatti na gatte;

boolla dukkanaayaa keessa na buufte.

7Dheekkamsi kee ulfaataan na irra bu'e;

dambalii keellee na irra gara galchiteerta.

8Hiriyyoota kiyya ka natti dhiyaatan na irraa fageessite;

akka isaan na ceem'an goote;

marfameera; bayuu hin danda'u.

9Ijji tiyya gaddaan dadhabde;

Yaa Rabbi! hennaa maraa si waamadha;

harka kiyyallee gara kee ol kaase.

10Hujii kee maalalchiisaa du'ootatti mudhiftaa?

hafuurri worra du'ee ka'ee si galatoonfataa?

11Jaalalli kee awwaala keessatti;

amanamummaan kee

hulee badi'iititti hin dubbattii?

12Hujiin maalalchiisaan kee bakka dukkanaatitti;

balchummaan kee hoo lafa irraanfatamtetti

hin beekkamtii?

13Yaa Rabbi! ani ammo akka na gargaartuuf

gara kee iyya;

ganamaan ka'ee faateffadha.

14Yaa Rabbi! maaf na fageessita?

fuula kee hoo maaf na dhoffatta?

15Ani ijoollummaa kiyya irraa jalqabee;

rakkata'aa fi ka du'uu gaye ture;

balaan kee na leelalche; faallaa natti ta'e.

16Dheekkamsi kee natti jige;

balaan kee na balleesse.

17Akka lola'aa guyyaa guutuu na marsan;

wol ta'anii naannaya kiyya dallayanii

na qaban.

18Jaalallo'oo fi hiriyyaa kiyya na irraa fageessite;

goshoon kiyya dukkanuma callaa ta'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help