Kitaaba Faaru'uu 4 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Rabbiin Hedatanii KadhatanFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif kiraara sagalee guddaa dhageessisuun faarfatamu

1Waaqa na balchoomsitu;

yoo si waamu naa deebisi!

rakkinna kiyya irraa hara na baafachiisi;

na maari; kadhaa kiyya naa dhagayi;

2Namoota nana,

isin haga yoomii ulfinna kiyya diqqeessitan?

haga yoomii waan gatii hin qabne jaalattan?

soballee barbaaddan?

3Rabbi balchaa akka ufiif fooyate beekaa'a;

ani hennaa Rabbiin kadhadhu inni naa dhagaya.

4Hennaa loltan cubbuu hin hojjatinaa'a;

hulee raftanitti

cadhisa'aa yaada keessan qoraa'a.

5Ciincaa sirri'ii Rabbii dhiyeessaa'a;

hedoo keessanillee Rabbiin irra godhadhaa'a.

6«Worri waan mishaa eentu nutti mudhisa?»

jedhan hedduu;

kanaafuu yaa Rabbi! ifti fuula keetii

nu irratti haa ifu!

7Gammachuu namoonni nyaataa fi

dhuddoo daadhii woyini'ii irraa argatan caalaa'a,

gammachuu ati onnee tiyya keessa keettetu caala.

8Yaa Rabbi!

akka ani nagayaan jiraadhu ka na taasisu si callaa waan ta'eef

ani hennaa rafu,

nagayaan rafa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help