Raajii Isaayyaasii 9 - Kitaaba Woyyuu

Mootii Dhufu Ka Nagayaa

1Worri armaan dura rakkata'aa turan garuu deebi'anii hin rakkatan.

Bara durii biyyi Zaabilooniitii fi biyyi Niftaalemii salphattee jiraata'aa turte; bara maayi'ii garuu worri Yihuudii hin taane ka galaana Meditiraaniyaani'iitiin gara baya biiftu'uutii jalqabee haga galaana Yoordaanosiitiin gamatti quphatanii jiran worri biyya Galiila'aa ulfinna argatan.

2Baniin dukkana keessa jiraatu

ifa guddaa arge;

worra gaaddidduu du'aa jala jiraataniif

ifatu ife.

3Ati banii kee hin baay'eessite;

gammachuu isaanii hin edaate;

akkuma namoonni hennaa midhaan wolitti qabatan;

hennaa boojuu qoqqoodaman gammadan;

isaanillee si afo'otti gammadan.

4Akkuma hennaa worri Miidiyaamii mooyatame ta'e;

qambaraa isaanitti ulfaate;

ulee gurmuu isaanii irraa jiru;

ulee sibiilaa ka ittiin cunqurfaman

isaan irraa bulleessiteerta;

5Kopheen loltootaa maruu;

uffanni dhiigaan maanxame maruu;

ibiddaaf ta'a;

ibidda keessa kaayaman.

6Daa'imni nuu dhalateera!

ilmi dhiiraa nuu kennameera!

baalliin lum'a isaa irra ta'a;

maqaanillee,

Gorsaa maalale'ee; Waaqa jabaa;

Abbaa bara baraa,

hayyuu nagayaa» jedhama.

7Badhinni mootummaa isaa;

guddinni nagaya isaa daangaa hin qabu;

ammaa jalqabee haga bara baraa

mootummaa ufii haqaa fi

balchumma'aan hundeessa;

irkisee qabee jabeessa;

teessoo Daawitii irra taa'a;

biyya maraa hin bulcha;

hinaaffaa Rabbii Gooftaa banii maraatitu kana godha.Rabbi Worra Israa'elii Hin Adaba

8Gooftaan fiixaa Yaaqoobii Israa'elitti dubbii murti'ii erge;

kunillee fiixaa isaa banii Israa'elii irratti raawwatame.

9Baniin maruu;

Efreemii fi worri Samaariyaa keessa jiraatan;

kana hin beekan;

uf jaju'uu fi onnee boontuun akkana jedhan,

10«Ijaarsi faaraan ijaaran diiggameera;

nu garuu dhagaa bocameen deebifnee

ijaarra;

odaawwan muramaniiran;

nu garuu birbirsaan bakka buufna.» jedhan.

11Rabbi garuu diintota Resiinii hin jabeessa;

isaanitti fida;

diintota isaanii isaanitti kakkaasa;

12worri Sooriya'aa baya biiftu'uutii

worri Filisxeemii dhiya adu'uutii;

afaan bananii worra Israa'elii cicciran;

kun maruu ta'ee; dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;

harki isaa akkuma hiixatametti jira.

13Baniin garuu gara ka isaan adabee fuula hin deebifanne,

Rabbii Gooftaa banii maraallee hin sondhe.

14Kanaafuu Rabbi mata'aa fi eegee;

damee meexxi'iitii fi leemman

Israa'eliin irraa guyyama tokkoon mura.

15Jaarsotaa fi namoonni kabajjaman mata'a;

raattonni soba barsiisan eege'e;

16Worra banii kana masakkan hin dogoggorsan;

baniin masakkamu sunillee

tayyaree karaa irraa bada.

17Kanaafuu Gooftaan dargaggeeyyi'itti hin gammadu;

worra abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeeyyi'iitii garaa hin laafu;

maruu ka sodaa Rabbii hin qabnee fi worra hammeenna hojjatu;

afaan nama maraatuu waan jecha balfamaa dubbatuuf.

kun maruu ta'ee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne;

harki isaallee akkuma hiixatametti jira.

18Ammaa achi battummaan akka ibiddaatitti qabata;

qore'ee fi sokorruu nyaata;

bosona dukkanaayaa bobeessa;

aarri isaa wolitti qabamee akka utuba'aatitti dhaabata.

19Dheekkamsa Rabbii Gooftaa banii maraatiin lafti

hin gubatti;

baniin akka qoraan ibidda keessa buusanii ta'a;

obboleessi obboleessa ufiititti

garaa jabaata.

20Gara mirgaatiin afaan kaayatan;

garuu beelli isaan irraa galab hin jedhu;

gara bita'aatiinillee hin nyaatan;

garuu hin quufan;

cuftinuu foon nama ufii nyaata.

21Minaaseen Efreemitti ka'a,

Efreem Minaase'etti ka'a;

wolumaan Yihuuda'atti ka'an;

kun maruu ta'ee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne

harki isaa akkuma hiixatametti jira.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help