Raajii Ermiyaasii 50 - Kitaaba Woyyuu

Raaga Akka Baabiloon Qabamtu Raagame

1Dubbiin Rabbi karaa raatticha Ermiyaasiitiin waan Baabilooniitii fi waan banii isi'ii dubbate kana;

2«Banii ormaa maratti labsi'iin oduu himaa'a!

malkata ol fuudha'aa oduu beessisaa'a!

akka waan dhossa'aatitti hin qabatinaa'a!

kunoo Baabiloon qabamtee waandhi tolfamaan Beel jedhamu

akka saalfatu taasifameera;

waandhi tolfamaan isi'ii ka ‹Maarduk› jedhamu caccabeera;

waandhi tolfamaan Baabiloonii maruu saalfataniiran;

fakiin isi'ii ka nama jibbisiisu caccabeera.

3Baniin Baabilooniin irratti balaa buusee ona

isii taasisu gara kaabaatii isii irratti ka'eera;

sa'aa namnillee isii gatanii dheessanii waan baqataniif

ka isii keessa jiraatu hin argamu.»

Israa'el Deebite

4Rabbi akkana jedha, «Hennaa barrinii fi guyyaan gaye baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa tokko ta'anii ana Waaqa isaanii soqa'aa booya'aa dhufan;

5Isaan karaa gara Tsiyoonii geessu gaafata'aa karaa qabatanii deeman; baraa haga bara baraa waadaa na woliin galan sirima hin diigan.

6«Baniin kiyya akka hoolota baddee ta'aniiran; worri isaan bulchan isaan dogoggorsee akka isaa gaara irratti tarara badanii raantayan godhaniiran; akka hoolota gaara irraa gara tullootaa dhama'anii hulee bulan wollaalan.

7Akkuma hoolonni nyaata bineensaa ta'an, akkasuma ka isaan arge maruu balaa isaanitti buusa; diintonni isaanii ‹nu bee womaa hin yakkinee, wonti badiin kun maruu isaan irra gayeef sababaa Waaqa abboonni isaanii ta durii abdii godhata'aa turanitti waan ka'aniif; silaa isaaniillee akkuma abboota isaanii ta durii amanamtoota ta'anii jiraachuu isaan barbaachisa ture.›

8«Isin banii Israa'elii! Baabilooniin keessaa dheessa'aa bayaa'a! biyyattii gad dhiisa'aa deemaa'a! akkuma korbeessa re'e'ee ka re'iin afoo deemuu ta'aa'a!

41Kunoo baniin gara kaabaatii dhufa'aara,

daangaa lafaatii baniin guddaanii fi mootonni hedduu

socho'a'aa,

42ebo'oo fi woraana ufii qabataniiran;

isaan gar jabeeyyii araara hin qabne;

hirphi faradoo isaan yaabbatanii akka galaana dambaliin dhayuuti;

Baabiloon! isaan balaa sitti buusu'uuf

akka namoota duulaaf deemaniititti gara kee dhufa'aaran.

43Mootiin Baabiloonii yoo oduu kana dhagaye

harki isaa laamshayee rarra'ee hafa;

akka dubartii ciniinsifattuu hucuucama.

44«Akkuma leenca bosona jaamaa qarqara laga Yoordaanosii keessaa bayee gara lafa lalisa'aa deemuu akkasuma ani Rabbi dimmaa dhaqee worra Baabiloonii akka qachattii keessaa ari'aman taasisa; achiin maayessa ani nama ufii filadhe moosisa; eeganaa ka akka kiyyaa eennu ree? ka uggee waa na gaafatu eennu? bulchaan na jala dhaabatu eennu?

45Amma isin waan Rabbi worra Baabiloonii irratti mari'atee fi waan biyya Kalaadaawotaa irratti karoorfate dhagayaa'a; ijoollee isaanii akka ilmoolee hoolotaatitti harkisa'aa isaan fudhatan; sababaa isaaniitiif huleen isaan jiraatan ona ta'a.

46Oduun akka Baabiloon qabamte hennaa dhagayame biyyi hin raafamti; iyyansi isi'iillee banii maraa keessatti dhagayama» jedha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help