Raajii Hisqeelii 33 - Kitaaba Woyyuu

Akka Barsiisuun Barbaachisu(His. 3:16-21)

1Rabbi akkana jedhee natti dubbate,

2«Ati ilma namaa! ‹Ani hennaa biyya takkatti woraana kaasee baniin nama isa eegu yoo qopheeffate

3Namni eegu sunillee diina dhufu argee akka isaan balaa irraa uf eeggataniif laagaa xurumba'aa namoota marattuu yoo dhageessise,

4Eennullee laagaa isaa waan seeraan hin dhageenneef diinni dhayee yoo isa ajjeese balleessaan kama isaati.

5Laagaa uf eeggataniin waan hin hubanneef balleessama ufiitiin du'e; inni uduu laagaa san dhagayee uf eeggatee silaa badii jalaa baya.

6Garuu ka waa eegu sun hennaa diinni dhufu argee yoo laagaa badii jalaa bayaniin uduu hin dhageessifneen hafe, diinni dhufee namoota saniin keessaa tokko yoo ajjeese namni du'e sun cubbuu ufiitiin du'e; ani ammo dhiiga nama du'e sanii namicha waa eegu san gaafadha› jedhii banii kanatti himi» naan jedhe.

7«Ati ammallee ilma nama! ani tissee banii Israa'elii si taasiseera; seera ani sitti kennu maraa isaanii dabarsuu si barbaachisa.

8Hennaa ani nama cubbama'aan ‹Ati nama cubbamaa dhugamaan hin duuta› jedhuun ati yoo akka inni hujii badaa san irraa deebi'u isa hin seerre namni sun cubbuma ufiitiin du'a; waan du'a isaatiif ani sima gaafadha.

9Ati nama cubbamaa san akka inni hujii badaa irraa deebi'u isa gorsitee inni hujii hamaa ufii irraa deebi'uu didee cubbuu hojjachu'utti jabaatee yoo du'e ammo ati waan kana irraa bilisa taata.

Namni Hennaa Maraa Aagiin Jiraachuu Isa Barbaachisa

10Ati ilma namaa! worra Israa'eliitiin akkana jedhi, «Isin yakki keennaa fi cubbuun keenna nutti ulfaateera; sababaa kanaaf huqqata'aarra; eeganaa nu attamitti jiraachuu dandeenna? jettaniirtan.

11Ani Rabbiin maraa olii jiraataa waan ta'eef namni cubbamaan cubbuu hojjachuu dhiisee akka lubbu'uun jiraatuuf malee akka inni cubbu'uun du'u isatti hin dhiisu; kanaafuu isin Israa'el! hujii keessan hamaa dhiisaa'a maaf du'a barbaaddan?» jedhii isaanitti himi.

12«Ati ammallee ilma namaa! namni balchaan yoo cubbuu hojjachuu jalqabe hujiin mishaan inni duraan hojjate isa hin fayyisu; namni hamaan hujii hamaa hojjachuu yoo dhiise hujiin hamaan inni duraan hojjate sun gufuu isatti hin ta'u; namni balchaan cubbuu hojjachuu yoo jalqabe balchummaan isaa ka duraanii du'a isa oolchuu hin danda'u.

13Yoo nama balcha'aan ati dhugamaan lubbu'uun jiraata jedheen inni ammo yoo hujiin balchumma'aa kiyya ka duriituu na gaya jedhee cubbuu hojjachuu jalqabe hujii isaa mimmishaa duraanii keessaa tokkollee hin laaluuf; kanaafuu inni sababaa cubbuu ufiitiif du'a.

14Ani nama hamaa tokko akka inni du'u itti himee inni ammo cubbuu hojjachuu dhiisee waan seeraatii fi waan dhuga'aa yoo hojjate;

15Kana jechuun sababaa waan liqeesseetiif yoo qabdii qabate, yookaan qabeenna hate yoo deebise, cubbuu hojjachuu dhiisee seera jireenna namaa kennu yoo eege dhugamaan lubbu'uun jiraata malee inni hin du'u.

16Cubbuu inni hojjate maraa hin dhiisaaf; inni hujii dhuga'aatii fi qajeelaa waan hojjateef dhugamaan lubbu'uun jiraata.

17Baniin kee ammo wonti ani godhu sirri'ii mitii jedhan malee hujii isaaniititu sirri'ii miti.

18Namni balchaan hujii balchumma'aa hojjachuu dhiisee yoo hujii hamaa hojjachuu jalqabe hujii hamaa ufiitiin du'a.

19Namni hamaanillee cubbuu hojjachuu dhiisee waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa yoo hojjate isumaan jiraata.

20Worri Israa'elii ammo waan ani Rabbi godhu maraa sirri'ii miti jettan; ta'ullee ani isin marattuu akkuma hujii keessaniitiin isinitti murteessa.

Oduu Akka Yerusaalem Kufte Ibsu

21Baqannee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti namni tokko Yerusaalemiin keessaa dheessee bayee akka qachattiin diina harkatti kufte natti hime.Mot. 2ffaa 25:3-10; Erm. 39:2-8; 52:4-14

22Namnichi dheessee jalaa baye sun uduu na bira hin geenne guyyaa tokkoon dura galgala hunni Rabbii gara kiyya dhufe, bariisaa san uduu namichi na bira hin geenneen duratti Rabbi arraba kiyya naa hiike; kanaafuu hennaa san irraa jalqabee ani dubbachuu dadhabne.

Yakka Banii Israa'elii

23Rabbi akkana jedhee natti dubbate,

24«Ilma namaa! baniin qachoota Israa'elii ka diiggaman keessa jiraatan, ‹Abrahaam nama hojja ufii jiraatu; biyyi maruu isaa kennamte; nu'u namoota heddu; dhugamaan lafti dhaalaan nuu kennamteerti› jedhan.

25Waan ani Rabbiin maraa olii isaaniin jedhu akkana jedhii isaanitti himi, ‹isin foon dhiiga woliin nyaattan, waaqa tolfamaa waaqeffattan, nama ajjeeftan, eeganaa isin waan kanniin maraa godha'aa attamitti lafti teenna jettan?

26Isin guraadee keessan hedattan, waan nama jibbisiisu raawwattan; namni maruu haadha manaa nama biraa woliin seebara; eeganaa isin attamitti lafti teenna jettan?»

27Eeganaa ani Rabbiin maraa olii waan jiraataa ta'eef baniin qachoota keessa jiraatan dhugamaan akka ajeeffaman akka isaan seere ibsii isaanitti himi; worra baadiyaa jiraatan busaaya'atu nyaata; worra gaarranii fi holqa keessatti dhokatanii jiraatan bala'atu isaan fixa.

28Ani biyyattii onaa fi lafa gammoojji'ii taasisa; hunni isiin uf jajjuun hin dhaabata; gaarran Israa'elii ona eennullee keessa hin lufne ta'an.

29Sababaa yakka nama jibbisiisu ka isaan hojjataniitiif biyyatti onaa fi lafa gammoojji'ii taasisu akka ani Rabbiin ta'e beekan.» jedhee natti dubbate.

Bu'aa Ergaan Raattichaa Fide

30Rabbi akkana jedhe, «Ati ilma namaa! baniin dallawa qachatti'iitiif balbala manniin ufii biratti waan kee mari'atan; isaan ‹koottaa dubbii Rabbii ka karaa isaatiin dhufu yoo dubbatu haa dhageennuu› woliin jedhan.

31Kanaafuu akka banii kaawwanii banii kiyyallee ati maal akka dubbattu dhagayuu calla'aaf wol gayan; waan ati isaanitti himtu maraa ammo hin raawwatan; dubbii ati dubbattu san waan jaalatan fakkaatanii mudhatan; garuu saamuu hin dhiisan.

32Ati isaan biratti akka nama laagaa mishaa qabuutii fi akka nama meeshaa faaru'uu ka jaalalaan faarsuuti; waan ati jettu hin dhagayan malee hin raawwatan.

33Dubbiin ati isaanitti himte ammo dhugamaan hin raawwatama; hennaa dhuga'aan raawwatame akka raanni isaan keessa jiru beekan» jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help