1Ayyaanni Faasika'aatii fi ka xorosho'oo kabajjamu'uuf guyyaan lama yoo hafu bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yesuusiin attamiin akka qabanii ajjeesan dhokatanii mari'atan.
2Isaan, «Baniin akka hin boorofne guyyaa ayyaanaa irra akka hin taane» woliin jedhan.
Yesuus Biitaaniya'atti Urgooftuu Dibame(Mat. 26:6-13; Yoh. 12:1-8)3 Naardoosii ka gatiin isaa gudda'aa qabattee dhuftee bilqaadii cabsitee mataa isaatitti buufte.
4Namoota achi turan keessaa gariin itti aaranii, «Wonti urgoo tana balleessaniif maali'i?
5Urgooftuun tun dinaara dhibbaa olitti gurguramee qarshiin sun uduu hiyyeeyyi'iif kennamee silaa woyyaa tureu» jedhanii hincinnaayanii isi'iin lolan.
6Yesuus ammo akkana isaaniin jedhe, «Isii dhiisaa'a! Isin maaf isii rakkiftan? Isiin waan mishaa naa gooteerti.
7 Ilmi Rabbii ulfaataan si'ii?» jedhee isa gaafate.
62Dan. 7:13; Far. 110:1; Efe. 1:20; Qol. 3:1; Ibr. 1:3 Yesuusillee «Ee ana. Ilmi Namaa hennaa mirga Rabbii waan maraa godhuu danda'uu taa'ee samii irraa deebi'ee duumessaan dhufu hin argitan» jedhe.
63Ser. Lak. 14:6; Hu. Er. 14:14 Bulchaan gadootaallee uffata ufii biinxee, ammaa achi «Ragaa biraa maal nu barbaachisa?
64Ser. Lew. 24:16; Yoh. 19:7 Rabbiin arrabsuu isaa isinuu dhageettaniirtanii murtiin teessan maali'i ree?» jedhe. Isaan maruu afaan tokko ta'anii, «haa ajjeefamuu» jedhanii itti muran.
6510:34; 15:19 Namoonni gariin Yesuusitti tufanii ija isaallee hidhanii, «Eentu si dhaye? Mee raaga himi» jedha'aa tontoommo'oon isa dhayan. Hojjattoonni dhabanaasa'aa fuudhanii deemaniin.
Pheexroos Yesuusiin Gane(Mat. 26:69-75; Luq. 22:56-62; Yoh. 18:15-18,25-27)66Pheexroos ammallee uduu dallawa san keessa jiru, hojjattuun gadicha gudda'aa takka dhuftee isa biraan baate.
67Isiin Pheexroosiin uduu ibidda oo'ifatu argitee xiinxallitee hubattee laaltee, «Atillee Yesuusii Naazireetii woliin jirta» jetteen.
68Inni ammo ka ati jettu hin beeku hin qaabadhulle'e jedhee ganne. Achiin maayessa akkuma inni karra gad bayeen lukkuun iyye.
69Ammallee dubartiin hojjattuun sun isa argitee worra achi dhaabateeruun, «Namichi kun nama isaaniiti» jette.
70Pheexroos ammo ammallee hin gane. Hennaa diqqo'oon maayessa worri achi dhaabateeru Pheexroosiin, «Ati nama Galiila'aa waan taateef dhugamaan ati nama isaaniiti» jedhaniin.
71Inni ammo, «Namicha isin jettan kana ani hin beeku» jedhee uf abaara'aa kakatuu jalqabe. Yoma san lukkuun lammeessoo iyye.
72 14:30; Mat. 26:34; Luq. 22:34; Yoh. 13:38 Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Uduu lukkuun hennaa lama hin iyyin ati hennaa sadihii na ganta» isaan jedhe san qaabatee hirqiffatee booye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.