1Hennaa san gosa Leewwi'ii keessaa namni tokko dhaqee intala gosa Leewwi'ii takka fuudhe;
2Dubartittiin sun ulfooftee ilma dhiiraa deettee inni mucaa bareedaa waan ta'eef ji'a sadihii dhossite.» jettee itti baafte.Muuseen Gara Biyya Miidiyaamii Baqate
11Muuseen haga guddate gara obboleewwanii dhaqee huji'iin akka rakkata'aaran arge; nama gosa Misirii uduu inni obboleessa isaa Ibricha tuma'aaru argee,
16Gadichi biyya Miidiyaamii tokko ijoollee intalaa torba qaba; isaan dhufanii bisaan woraabanii hoolota abbaa ufii obaasu'uuf gonga'atti guutan.
17Tissoonni biraa dhufanii isaan ari'an; Muuseen ammo ka'ee isaan gargaaree hoolota isaanii bisaan obaase.
18Hennaa gara abbaa ufii gara Raagu'eelii deebi'an, «Adha attamitti daddaftanii galtan?» isaaniin jedhe.
19Isaanillee, «Namicha biyya Misirii tokkotu nu gargaaree tissoota nu irraa dhooggee bisaanillee nuu woraabee hoolota nuu obaase» Jedhaniin.
20Innillee ijoollee ufiitiin, «Maaf dhiiftanii dhuftan ree? waama'aanii nyaata haa nyaatuu» isaaniin jedhe.
21Muuseen namicha san bira jiraachuu murteeffate; namichi sunillee mucattii ufii Siphaaraa akka Muuse'ee haadha manaa taatuuf isaa kenne.
22Isiinillee ilma deetteef; inni «Ani biyya kanatti gala'a jedhee maqaa mucaa ufii Geersaam» jedhee itti baase.
23Woggoota baay'e'een maayessa mootiin biyya Misirii hin du'e; ijoolleen Israa'elii waan garbummaa ufiitiif hin booyan; hin iyyan; iyyansi isaaniitii fi booyichi isaanii Rabbiin bira gaye.
24Rabbillee laagaa booyicha isaanii dhagayee waada Abrahaamii, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin gale yaadate.Ser. Uma. 15:13-14
25Rabbi ijoollee Israa'elii akka isaan garbummaa keessatti rakkata'aaran argee waan isaaniitiif yaade.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.