Kitaaba Faaru'uu 54 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Diina Jalaa Bayu'uuf FaateffatanBarumsa Daawitii bulchaa faarfattootaatiif ka hennaa worri Zeefa'aa gara Saa'olii dhufanii «Daawiti nu biratti dhokateera» jedhanii.

1Yaa Rabbi! maqaa keetiin na oolchi;

hunna keetiin naa murteessi.

2Yaa Rabbi! faatee kiyya naa dhagayi;

dubbii afaan kiyyaa naa caqasi.

3Nyaaphni waan natti ka'aniif;

hammeeyyiin lubbuu tiyya barbaadaniiran;

Rabbiin woyittuu hin laakkofne.

4Kunoo Rabbi gargaaraa kiyya;

Gooftaan irkisee na qaba.

5Worra na marsan hammeenni isaanii isaanumatti haa deebi'u;

Ati dubbii keetiin waan amanamaa taateef isaan balleessi.

6Ani fedha misha'aan ciincaa sii ciincessa;

Yaa Rabbi waan mishaa ta'eef

maqaa keetii galata dhiyeessa.

7Rakkoo maraa irraa waan na oolcheef;

ijji tiyyallee kufaatii diintota tiyyaa

arguu dandeetteerti.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help