Seera Leewwotaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Kennaa Midhaanii

1Eennullee yoo kennaa midhaanii Rabbii dhiyeessu kennaan sun daakuu mishaa haa ta'uu; dhadhaallee itti haa buusuu; hixaanallee itti buusee,

2gara gadoota ijoollee Aaroonii dhiyeessa; gadichi daakuu misha'aa fi dhadhaa ganaa tokkoo, hixaanallee fuudhee kennaa ibiddaan gubamee dhiyaatu ka Rabbitti urgaawu akka ta'u yaadanno'oof hulee ciinca'aa gubba'atti guba.

3Kennaa midhaanii ka dhiyaate irraa ka hafe Aaroonii fi ijoollee isaatiif ta'a; kun kennaa ibiddaan Rabbiif dhiyaatu ka woyyoome.

4Kennaa midhaanii ka eelee irratti bilchaate yoo dhiyeessitu xoroshoo daakuu misha'aa ka dhadha'aan sukkuumame yookaan xoroshoo bixilee haphii dhadha'aan dibame haa ta'uu.

5Kennaan kee yoo ka eelee irratti bilchaate ta'e xoroshoo daakuu raacitii hin qabne ka dhadha'aan sukkuumame haa ta'uu;

6cabsitee dhadhaa itti jissita; innillee kennaa midhaaniiti.

7Kennaan kee yoo ka affeelamee bilchaate ta'e daakuu mishaa dhadhaa qabu haa ta'uu.

8Kennaan midhaanii ka akkanatti hojjatame Rabbii haa dhiyaatuu; gadichatti kennamee gadichi gara hulee ciinca'aa dhiyeessa.

9Gadichi kennaa midhaanii fuudhee yaadanno'oof kennaa urgaayaa Rabbii dhiyaatu godhee hulee ciinca'aa irratti guba.

10Kennaan midhaanii ka hafe Aaroonii fi ijoollee Aarooniitiif ta'a; kun kennaa midhaanii ka guddisee woyyoome ka ibiddaan Rabbiif dhiyaatu.

11Waan raacitii qabu dammallee yoo ta'e kennaa ibiddaan gubamu gootanii Rabbii hin dhiyeessitan; kennaan midhaanii ka Rabbiif dhiyeessitan maruu raacitii akka hin qabaanne;

12kanniin ammo kennaa hangafaa gootanii Rabbii dhiyeessitan; akka ciincaa urgaaya'aatitti hulee ciinca'aatitti ciincaa gubatu gootee hin gubdu.

13Kennaa midhaanii ka Rabbii dhiyeessitu maraa sooqiddaan mi'eessita; sooqidda midhaan waadaa Rabbii keessaa hin hanqisin; kennaa kee maraa sooqidda itti gootee dhiyeessita.

14Midhaan duraa hangafa kennaa Rabbii gootee yoo dhiyeessitu ibidda irratti akaayamee sukkuumamee akka asheetaatitti dhiyeessita.

15Dhadhaa itti buufta; hixaanallee itti buufta; kun kennaa midhaaniiti;

16gadichillee midhaan sukkuumame, dhadha'aa fi hixaana waan maraa fuudhee yaadanno'oof guba; kun kennaa Rabbiif ibiddaan dhiyaatu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help