1Rabbi Gooftaan mudhata biraa natti mudhise; ka daraaraan bilchaate keeshe'etti guuteeru arge.
2Rabbi, «wonti ati argitu kun maali'i?» jedhee na gaafate, anillee «daraaraa bilchaate ka keeshee keessa guuteeru arge» jedheen; Rabbi akkana naan jedhe, «dhumti banii kiyya Israa'elii gayeera; ammaa achi ani isaan adabuu hin dhiisu.
3Laagaan sirbaa ka isaan mana mootumma'aa keessatti dhageessisan guyyaa san gara booyichaatitti jijjiirama; reeffi nama hedduu hulee maratti kufee argama; cadhisanii hulee maratti gatan.»
Israa'el Kufte4Isin worri mirga worra rakkatanii dhiibdanii fi worri hiyyeeyyii biyya keessaa balleesuu barbaaddan maruu kana dhagayaa'a!
5Isin akkana jettan, «Nu'u akka midhaan keenna gurguratuu dandeennu maal ayyaanni jalqaba ji'aa uduu dafee lufee! akka qamadii gabayaa fidannu Sambanni yoom lufa? ayyaannan yoo lufan bikkituu midhaanii diqqeessinee gatii guddaa gaafanna; madaala sobaatiin banii soba.
6Habaqii qamadi'ii hin gurguranna; hiyyeessa meeti'iin, rakkataa kophe'een bitanna.»
7Rabbiin Yaaqoobii fi fiixaan isaa ka isaan dhaadatuu akkana jedhee ufiin kakate «Ani hujii isaan hojjatan maraa hin irraanfadhu;
8waan kanaan biyyiti hin raafamti; worri biyyattii keessa jiraatan maruu hin booyan; akkuma lanni Abbaayii guutee dhidhatee raafamu biyyi maruu hin raafamti»
9Rabbi Gooftaan akkana jedha,
«Ani guyya'aan akka aduun seentu godha;
«guyyaa wodhakka'tti lafa dukkaneessa.
10Gammachuu ayyaana woggaa keessanii gaddatti, sirba keessan gara booyichaatitti jijjiira; akkuma maatiin mucaan tokkochi qaban jalaa du'ee booyan akkasuma akka isin rifeensa mataa keessanii haadattanii uffata gaddaa uffattan godha; dhumti guyyaa sanii hadhaayaa ta'a.
11Hennaan ani biyyattii irratti beela fidu hin dhufa; hennaa san ka namoonni beelayanii fi dheebotan dubbii Rabbii dhagayuu malee midhaanii fi bisaan dhabu'uunii miti; ani Rabbi Gooftaan waan kana dubbadheera.
12Baniin maruu kaabaa haga kibbaa, baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu dubbii Rabbii argachu'uuf hulee maratti raantayan; garuu hin argatan.
13Hennaa san durbi babbareedanii fi dhiirti dargaggeeyyiin jajjabaanuu sababaa dheebotaniif hin dadhaban.
14Worri maqaa waaqa tolfamaa dubartii Samaariya'aa ta Ashmaa jedhamtee waamamtuun kakatan Waaqa Daanii yookaan Waaqa Beersaabeehii jedha'aa kakatan maruu hin kufan; isaan hulee kufanii sirima ka'uu hin danda'an» jedha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.