Raajii Zakkaariyaasii 8 - Kitaaba Woyyuu

Abdii Rabbi Akka Yerusaalemiin Hulee Isi'ii Ta Duriititti Deebisu'uuf Kenne

1Waandhi banii maraa akkana jedhee natti dubbate;

2«Ani banii isi'ii waan jaaladhuuf Yerusaalemiin hin gargaara; wonti ani diintota isi'iititti dheekkameef sababa isii jaaldhuuf.

3Ani isii keessa jiraatu'uuf gara qachaa tiyya woyyittii Yerusaalemii hin deebi'a; isiin qachaa amanamtuu taatee beekkamti; gaarri ani Waandhi banii maraa irra jiraadhu gaara woyyoome jedhamee waamama.

4Namoonni umurii dheeraa waan jiraataniif jaarsonninii fi jaartoleen bordoo qabatanii deemanii bayima itti bayan ka Yerusaalemiititti deebi'anii taa'an.

5Karaa isi'ii maraa keessa ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta intalaa ta taphattutu deebi'ee guuta.

6Guyyaa kanniin keessatti worri banii irraa hafan wonti kun waan hin danda'amne yoo fakkaatellee amma wonti naaf dadhabamu hin jiraa?

7Ani banii kiyya biyya gara baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutitti baqatanii keessa jiraatan keessaa isaan oolcha.

8Ani deebisee isaan fidee akka Yerusaalemiin keessa jiraatan isaan taasisa; isaan banii kiyya ta'an; anillee dhuga'aa fi qajeellumma'aan Waaqa isaanii ta'a.

9Isin worri dubbii raattonni waan manni woyyummaa Rabbii akka deebi'ee ijaaramuuf bu'uurri buufame dhageettan hin sodaatinaa'a; jabaadhaa'a.

10Guyyaa sanniiniin dura namoota gatii dadhabbii isaanii, hori'iifillee gatiin hin kennamu ture; isaan namoonni maruu ollaa ufiititti akka diinumma'aan ka'an waan godheef namni maruu hennaa baya'aa galan nagaya hin qaban.

11Amma garuu worra banii kana irraa hafan akka durii san isaan irratti hin godhu.

12Isaan midhaan ufii nagayaan facaafatanii ka gaye wolitti qabatan; biqiltuuwwan isaaniillee hin daraaran; roobni gayaan waan roobuuf lafti midhaan gayaa kenniti; ani banii baqa irraa hafe eebba kana mara kennaaf.

13Isin banii Yihuuda'aatii fi banii Israa'elii ka banii biraa biratti akka worra abaarsaatitti isin laalan! ani isin oolcha; worra eebbaaf ta'u isin taasisa; kanaafuu hin sodaatinaa'a! jabaadhaa'a» jedhee natti dubbate.

14Waan kana ana Waaqa banii maraatitu dubbate; hennaa abboonni teessan ta durii na aarsan uduu garaa isinii hin laafne isin adabu'uuf murteesse.

15Ani banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatii waan mishaa godhu'uuf waan murteesseef jabaadhaa'a; hin sodaatinaa'a.

16Wonti godhuu isin barbaachisu kana; isin dhugaa wolitti dubbadhaa'a; abboota murti'ii teessan afo'otti murtii dhuga'aa ka nagaya fidu murteessaa'a.Efe. 4:25

17Isin wol miidhu'uuf dhara wolitti hin yaadinaa'a; sobaan hin kakatinaa'a; ani waan kana maraa hin jibba» jedha Rabbi.

18Waandhi banii maraa akkana naan jedhe,

19«Soomni isin ji'a arfeesso'oo, shaneesso'oo, torbeesso'ootii fi kudhaneesso'ootitti eega'aa turtan maruu banii Yihuuda'aatii ayyaana qanani'iitii fi ayyaana gammachu'uu isaanii ta'a; isin garuu dhuga'aa fi nagaya jaaladhaa'a»

20Waandhi banii maraa akkana jedha, «Hennaan banii biraatii fi namoonni qachoota hedduu keessa jiraatan gara Yerusaalemii hurrisan hin dhufa.

21Worri qachaa tokko keessa jiraatan gara qachaa biraa deemanii ‹koottaa'a!› Waaqa banii maraa arjummaa kadhannaa; nullee achi dhaquu hin oolluu!» isaaniin jedhan.

22Akkaataa kanaan Rabbi Gooftaan banii maraatii sagadu'uuf, eebba isa irraa argatu'uuf, kadhatu'uuf namoonni hedduu fi baniin gugurdaan gara Yerusaalemii dhufan.

23Guyyoota sanniin keessa namoonni kudhanii ka biyya biraa gara nama Yihuudi'ii tokko dhiyaatanii qaccee handaara uffata isaa qabatanii ‹Akka Rabbi isin woliin jiru waan dhageenneef isin woliin deemna› jedhaniin» jedha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help