Kitaaba Faaru'uu 68 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Moote'eeFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate; maahileti.

1Rabbi haa ka'u! diintonni isaa haa bittinnaayan!

worri isa jibbanillee isa afo'oo haa dheessan.

2Akkuma aarri bittinnaayu

akkasuma isaan bittinneessi;

akkuma gagaan ibiddaan baqutti;

akkasuma hammeeyyiin Rabbiin afo'oo haa badan.

3Balchoonni garuu haa gammadan;

Rabbiin afo'otti haa burraaqan;

gammachu'uu fi qanani'iin haa guuttaman.

4Rabbii faarfadhaa'a; maqaa isaatiif weeddisaa'a;

ka duumessa irra deemu kabajjaa'a;

Ka maqaan isaa Rabbi jedhame afo'otti

guddisa'aa gammadaa'a.

5Rabbii hulee woyyuu ta ufii jiraatutti;

hiyyeessaa abba'a;

haadha hiyyeessaatii hin tamaaggata.

6Worra hojja jiraatan

maatii jidduu jiraachisa;

worra hidhame hidha'aa hiikee akka fishiriqan taasisa;

worri dhibu ammo gammoojjii keessa jiraatan.

7Yaa Rabbi! hennaa banii kee afoo baate;

hennaa lafa gammoojji'ii keessa deemte;

8Rabbii Waaqa Siina'aa afo'otti;

Rabbi Waaqa Israa'elii afo'otti lafti hin raafamte;

samiiwwan dirsaa buusan.

9Yaa Rabbi! rooba gayaa roobsite;

lafa kee ka goge jiifte.

10Baniin kee hulee jireennaa godhate;

Yaa Rabbi eebba kee keessaa hiyyeeyyi'ii kennite.

11Gooftaan akkana jedhee dubbii ufii kenne;

worri ajaja isaa labsanillee duula baay'e'e.

12«Duultonni moototaa dafanii dheessan;

dubartoonni qe'ee oolanillee boojuu qoodaman.

13Yoo gooruu hoolotaa keessatti argamtanillee;

akka koollan handari'ii ka meetii irraa hojjatamee;

isin akka baala magariisa worqi'iin uwwifameeti.

14Ka maraa danda'u;

hennaa mootota achi turan bittinneesse;

akka baradaa gaara Salmoonii irratti bu'uu isaan godhe.

15«Ati gaarri guddaan; gaara Baasaanii;

ati gaarri qaccee heddu qabdu;

gaarri Baasaanii;

16Isin yaa gaarran qaccee hedduu;

gaara Rabbi irra jiraachu'uuf filate;

dhugamaan ka Rabbi baraa haga bara baraa irra jiraatu;

maaf ija hinaaffa'aatiin laaltan?

17«Konkolaataan fardaan harkifamu ka Rabbii

kumii kitil;

kuma hennaa kumaati;

Gooftaan gaara Siina'aa irraa mana woyyuu ufii seene.

18Ol baate;

boojuu fidde;

Yaa Rabbi! Waandhana! ati achi jiraachu'uuf

worri dhibullee uduu hin hafin;

namoota irraa kennaa fudhatte.

19«Ka ba'aa keenna guyyama guyya'aan nuu baatu;

Waaqa keenna fayyisaa;

Gooftaa galanni haa gayu.

20Waandhi keenna Waaqa fayyisu;

du'a jalaa ooluun ka danda'amu Rabbi Goofta'aan.

21Dhugama Rabbi mataa diintota ufii;

namoota cubbuu hojjachu'utti jabaatan;

mataa isaanii ka rifeensa qabu hin babbaqassa.

22Gooftaan akkana jedha,

«Baasaanii deebisee isaan fida;

galaana gad fago'oo keessaallee baasee isaan fida;

23Lutti tee akka dhiiga diintotaatitti baddu;

arrabni saree keetiillee

gayee ufii akka diina kee irraa argatuuf.»

24Waandhana! deemsi kee ka ulfinnaa mudhate;

kun deemsa ulfinnaa ka mootiin kiyyaa Waandhi

gara mana woyyuu ufii deemu.

25Faarfattoonni afo'oon;

worri meeshaa taphatan duubaan yoo deeman;

babbareeddan dibbee dhayanillee isaan jidduu turan.

26Gumi'iin Rabbiin galatoonfadhaa'a;

worri burqaa Israa'elii keessaa argamtan;

Rabbiin galatoonfadhaa'a.

27Ka isin masakku Biiniyaamii diqqa'a;

achitti abboota murti'ii ka Yihuuda'aa ka baay'innaan laakkayaman;

akkasuma abboota murti'ii ka Zaabilooniitii fi

ka Niftaalemii fa'atu argama.

28Yaa Rabbi! hunna kee mudhisi;

Waandhana; akkuma dur nuu goote;

ammallee hunna kee nutti argisiisi.

29Waan mana kee woyyuu Yerusaalemiin jiruutiif

mootonni kennaa sii fidan.

30Busaawaa leemman keessa jiraatan;

gobbuu kormaa ka waatilee bani'ii jidduu jiraatan xixi;

birrii akka gabbaruuf haa jilbiiffatuu;

banii lola jaalatan bittinneessi.

31Qondaaltonni Misirii dhufan;

Baniin Itoophiya'aa harka ufii Rabbitti ol badhisan.

32Yaa mootota ardii tanaa;

Rabbii faarfadhaa'a!

Goofta'aa weeddisaa'a;

33Ka dur irraa jalqabee samiiwwan turaniititti ol bayee fi

ka laagaa ufii gudda'aan huursuu faarfadhaa'a.

34Gaachenni isaa Israa'eliin irra;

hunni isaallee duumessaa ol;

Rabbiin hunni teeti jedha'aanii.

35Yaa Rabbi! ati mana woyyuu keetitti maalale'e;

Waandhi Israa'elii banii ufiitii hunnaa fi jajjabeenna kenna;

Rabbiin galanni haa gayu!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help