1Rabbi mooyeera; ardiin haa gammaddu;
worri fagoo qacceewwan galaanaa jiran
haa usheexxan!
2Duumessinii fi hurriin guddaan
naannoo isaa jiran;
Haqaa fi balchummaan
hundee teessoo isaati.
3Ibiddi isa afoo deema;
diintota naannaya isaa hin fixa.
4Falaqqifni bakakka'aa adunyaa ibse;
ardiin argitee hollatte.
5Gaarran Rabbiin afo'otti;
Gooftaa ardii maraa afo'otti
akka gaga'aa baqan.
6Samiiwwan balchummaa isaa hin labsan;
baniin maruu ulfinna isaa argan.
7Worri fakii bocamee sagadan
worri waaqolee tolfamaa hedatan maruu haa saalfatanii;
isinillee waaqoleen tolfamaan maruu isaa sagadaa'a.
8Yaa Rabbi! waan murtii keetii;
Tsiyoon dhageettee gammadde;
ijoolleen intalaa ta Yihuuda'aallee hin usheexxite.
9Yaa Rabbi! ati ardii maraa irrattuu
maraa oli waan taateef;
waaqolee tolfamaa maraa irra ati guddiftee gudda'a.
10Worri Rabbiin jaalattan hammeenna jibbaa'a;
Inni waan lubbuu worra isaaf amanamanii eeguuf.
harka worra dhiba'aa jalaallee isaan oolcha.
11Ifti balchootaa;
usheexxuun worra garaan qajeela'aatii ta'e.
12Isin balchoonni Rabbiin gammadaa'a;
maqaa isaa woyyuu galatoonfadhaa'a!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.