1Abrahaam haadha manaa biraa ta Keexuraa jedhamtu fuudhe;
2Isiin Zamiraan, Yooqshaan, Meedaan, Miidiyaam, Yashibooqii fi Siweehiin deetteef.
3Yooqshaan Saabaanii fi Diidaaniin uumate; ijoolleen Diidaanii Asoorota, Laxuusotaa fi Uumaawota fa'a.
4Ijoolleen Miidiyaamii Geefeer, Eefer, Heenoohi, Abdaa'ii fi Eldaa fa'a; kunniin maruu ijoollee Keexura'aati.
5Abrahaam waan qabu maraa Yisaaqiin dhaalchise.
6Abrahaam ijoollee ufii ta dubartoota mata gala itti galee irraa uumateellee kennaa kennee uduma ufii lubbu'uun jiru mucaa ufii Yisaaqiin irraa fooyee gara baya biiftu'uu isaan geegesse.
Du'a Abrahaamii7Abrahaam woggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate;
8Woggaa dheeraa jiraatee umurii quufee du'ee worra isaa ka du'etti eda'ame.
9Ijoolleen isaa Yisaaqii fi Ismaa'eel lafa qonnaa ka Maammire'ee ka qonna Eefroonii ilma Za'aarii Keexichaa goda keessatti awwaalan.
10Lafti qonnaa ka Abrahaam Keexicha irraa bitee Saaraa itti awwaale kana.
24Hennaan deettu geennaan lakkuu deette.
25ka duraa dhalate bifti isaa diima'a; nafti isaa maruu rifeensa qaba; maqaa isaa Eesawu jedhaniin.
26Achiin maayessa obboleessi isaallee dhalate; inni harka ufiitiin koomee Eesawu'uu qabatee ture; maqaa isaa Yaaqoob jedhaniin. Ribqaan hennaa ijoollee tana deettu Yisaaqi nama woggaa jahaatamaa ture.
Eesawu Hangafummaa Ufii Gurgurate27Ijoolleen lachuu guddatanii Eesawu nama gammoojjii keessatti dhadhoolu ta'e; Yaaqoob ammo nama cadhisaa qe'ee oolu ta'e;
28Yisaaqi dhadhoolee waan isa nyaachisuuf Eesawuu jaalata; Ribqaan ammo Yaaqoobiin jaalatti.
29Yaaqoob uduu ittoo hojjata'aaru;
30Eesawu lafa gammoojji'iitii galee Yaaqoobiin «Ani waan guddisee beelayeeruuf ittoo diimaa kana irraa na nyaachisi» jedheen; kanaaf maqaan Edoom jedhame.
31Yaaqoob, «Dura hangafummaa kee natti gurguri» jedheen.
32Eesawullee, «Ani beelaan du'u'uuf ta'aa hangafummaan kiyya kun maal naa godha?» jedhe.
33Yaaqoobillee, «Dura naa kakadhu» jennaan kakateefii hangafummaa ufii Yaaqoobitti gurgurate.Ibr. 12:16
34Yaaqoob Eesawu'uu buddeenaa fi ittoo kenneef; innillee haga nyaatee dhugeen maayessa hin deeme; akka kanaan hangafummaa ufii salphise.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.