1Akaazi hennaa mooyu dargaggeessa woggaa diddamaati; Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa diddamaa bulche; akka abbaan isaa Daawiti Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate inni waan qajeelaa hin hojjanne.
2Akkuma armaan dura mootonni Israa'elii Ba'aaliif sagadan Ba'aalii sagadu'uuf fakii waaqa tolfama'aa hojjate.
3Akkasuma dhooqa ilma Heenoomii keessattillee hixaana aarse; akkuma worri ormaa waan hamaa hojjatanii Rabbi worra Israa'elii afo'oo ari'e ijoollee ufii ciincaa ciincayu godhee waaqolee tolfama'aaf dhiyeesse.
4Hulee gooddaa ka itti sagadan, gaarranii fi mukkiin lalise jalattillee hixaana aarsa'aa ciincaa dhiyeessa'aa ture.
Baniin Sooriya'aatii Fi Baniin Israa'elii Wol Lolan5Kanaaf Rabbi mooticha Akaaziin mooticha Sooriya'aatitti dabarsee isa kenninaan worri Sooriya'aa isa mooyatanii isa jalaa loltoota baay'ee booji'anii gara Damaasqo'oo dhufan; akkasuma mootii biyya Israa'eliititti dabarsee isa kenne; inni dhaya badaa isa dhaye.
6Isaan Rabbii Waaqa abboota ufii waan dhiisaniif Faaquheen ilmi Roobeeliyuu guyyama tokko biyya Yihuuda'aa keessaa loltoota jajjabaa kuma dhibbaa fi diddamaa fixe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.