1Lubbuu tiyya! Rabbiin galatoonfadhu!
keessi kiyya guutuun maqaa isaa woyyuu jajadhu.
2Lubbuu tiyya! Rabbiin galatoonfadhu!
jasaa isaa maraa hin irraanfatin!
3Ka cubbuu kee maraa sii dhiisu,
ka dhibee kee maraa irraa si fayyisu;
4Ka jireenna kee maraa boolla badi'ii irraa oolchu;
ka jaalala bara baraatii fi gara laafummaa sii kennu;
5Dargaggummaan kee akka bajjaatitti akka haarawoomu;
hawwii kee ka waan misha'aan
dheebuu baasu isa.
6Rabbi worra cunqurfaman maraafuu;
murtii qajeela'aa fi haqa isaanii kenna.
7Karaa ufii Muuse'etti;
hujii ufiillee banii Israa'elii beessise.
8Rabbi gara laafessaa fi ka dhiifamsa namaa godhu;
ka dheekkamsaaf hin ariifanne; ka jaalalli isaa gudda'aati.
9Inni hennaa maraa yakka hin hordofu;
baraa haga bara baraa hin dheekkamu.
10Akka cubbuu keennaatitti nuu hin deebifne;
haga yakka keennaatitti nuu hin kaffalle.
11Akkuma fageenni sami'ii ardii irraa ol gudda'aa;
akkasuma worra isa sodaataniif araarri isaallee gudda'a.
12Akkuma baati biiftu'uu dhiya biiftu'uu irraa fagaatu;
yakka keenna ka hagasuma nu irraa fageesse.
13Akkuma abbaan ijoollee ufiitii garaa laafu;
akkasuma Rabbillee worra isa sodaataniif garaa laafa.
14Inni akka nu itti uumamne waan beekuuf;
akka nu daaraa taane yaada.
15Nama bee barri isaa akka margaatii;
akkuma abaaboo muka keessaatitti muta;
16Hennaa bubbeen bubbise ammo sirima bada;
malkannillee hule'etti hin argamu.
17Jaalalli Rabbii ammo
baraa haga bara baraa worra isa sodaatan irratti;
balchummaan isaa haga ilma ilma isaanii
isaan irra ta'a.
18Worra waadaa isaa eegan irra;
worra jabaatanii ajaja isaa raawwatan irra ta'a.
19Rabbi teessoo ufii sami'itti jabeesseera;
mootummaan isaa maraa bulchiti.
20Isin ergamtoonni dubbii isaatii ajajamtan;
isin jajjaboonni ajaja isaa raawwattan;
Rabbiin galatoonfadhaa'a.
21Isin tajaajiltoonni fedha isaa raawwattan;
duultonni maruu;
Rabbiin galatoonfadhaa'a.
22Isin worri bulchiinsa isaa keessa jiraattan maruu;
uumamni maruu; Rabbiin galatoonfadhaa'a;
Lubbuu tiyya Rabbiin galatoonfadhu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.