Kitaaba Mammaakaa 29 - Kitaaba Woyyuu

1Namni gorsa hedduun maayessa didee mataa jabaatu;

dimmaa bada;

ka isa oolchullee hin argatu.

2Balchoonni hennaa baallii argatan baniin hin gammadan;

hammeeyyiin yoo bulchan garuu baniin hin woyata.

3Namni ogummaa jaalatu abbaa ufii gammachiisa;

jaalalloon seebartootaa garuu qabeenna ufii bittinneessa.

4Mootiin haqa muru'uun biyya tasgabbeessa;

ka gabbarsuu fudhachuu hawwu garuu isii diiga.

5Namni hiriyyaa ufii sobu lukuma ufiititti siiboo godha.

6Namni hamaan cubbuma ufiitiin qabama;

balchaan garuu hin faarfata, hin gammadalle'e.

7Balchaan haqa hiyyeeyyi'iitiif dhiphata;

namni hamaan garuu hajaa hin qabu.

8Worri nama arrabsan qachaa booreessan;

ogeeyyiin garuu lola qabbaneessan.

9Ogeessi nama gowwaa woliin gara yaa'ii murti'ii yoo dhaqe

gowwaan hin lola; hin balda; nagaya hin qabaatu.

10Namoonni dhiiga namaa dheebotan nama haqaa jibban;

qajeelaa ajjeesuu barbaadan.

11Namni gowwaan hagaa ol lola ufii gad dhiisa;

ogeessi garuu uf qaba.

12Bulchaan yoo ka oduu sobaa dhagayu ta'e;

qondaaltonni isaa maruu hammeeyyii ta'an.

13Hiyyeessinii fi ka isa miidhu waan tokko woliin qaban;

Rabbi isaan lamaaniifuu ifa ijaa kenneera.

14Mootiin yoo hiyyeessaa murtii sirrii kenne;

teessoon isaa bara baraan jabaatee jiraata.

15Uleen gorsaa ogummaa namatti uwwifti;

finni adaba hin qabne garuu haadha saalfachiisa.

16Hammeeyyiin yoo baallii argatan cubbu'utu guddata;

balchoonni garuu kufa isaanii argan.

17Finna kee adabi; nagaya sii kennaa;

lubbuu keellee hin gammachiisaa.

18Yoo mudhanni hin jirre baniin gad-dhiifamaa ta'a;

ka seera eegu garuu eebbifama'a.

19Garbichi jecha calla'aan sirreeffamuu hin danda'u;

yoma hubatellee tole hin jedhu.

20Nama jarjaraan dubbatu argitaa?

isa caalaa gowwaan abdii qaba.

21Namni hojjataa ufii ijoollummaa isaa irraa jalqabee qananiisu;

dhuma irratti hin gadda.

22Namni aaru lola kaasa;

ka biibbayullee cubbuu guddaa hojjata.

23Namni uf jaju hin salphata;

ka hafuura kasumma'aa qabu garuu ulfinna argata.

24Namni shariika hattu'uu ufumaa diina ufitti ta'a;

akka kakatee ragaa ta'u gaafatama;

garuu ija jabeennaan dhugaa hin dubbatu.

25Nama sodaachuun siiboo keessa nama galcha;

ka Rabbiin sodaatu garuu nagayaan jiraata.

26Namoonni hedduu worra bulchan biratti

fudhatama argachuu hawwan;

namni garuu Rabbiin biraa haqa argata.

27Balchoonni worra soban hin ceem'an;

hammeeyyiinillee qajeellota hin jibban.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help