Kitaaba Faaru'uu 89 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Hennaa Rakko'oo FaarfatanBarumsa Eetaanii Iyiziraa'elichaa

1Yaa Rabbi! waan jaalala kee ka bara baraatiif

hennaa maraa faarfadha;

amanamummaa kee dhalootaa haga dhalootaa

afaan kiyyaan hima.

2Akka ati jaalala kee ka bara baraa hundeessitu;

amanamummaa keellee sami'itti akka jabeessitu

hin dubbadha.

3Ati akkana jetteerta,

«Ka filadhe woliin waadaa galeera;

Garbicha kiyya Daawitii kakadheera;

4«Fiixaa kee baraa haga bara baraa dhaaba;

teessoo keellee dhalootaa haga dhalootaatitti dhaaba.»

5Yaa Rabbi! samiiwwan hujii maalale'ee kee;

amanamummaa keellee

gumii woyyootaa jiddu'utti jajan.

6Ol gubbaa sami'iititti;

eentu Rabbiin wol qixxaayuu danda'a?

uumama samiiwwanii jiddu'uu

eentu Rabbiin fakkaata?

7Rabbi ka gumii woyyootaa jiddu'utti sodaatamu;

waan naannaya isaa jiru maraa caalaa

guddisee kabajjama'a.

8Yaa Rabbi! Waaqa banii maraa!

ka akka keetii eennu?

Yaa Rabbi! Ati jaba'a;

amanamummaan kee si marseera.

9Ati dheekkamsa galaanaa hin tooyatta;

yoo dambaliin ka'u hin cadhisiifta.

10Ra'aabiin akka waan qalameetitti butuchite;

irree kee jaba'aan diintota kee bittinneessite.

11Samiiwwan keeti; ardiinillee teeti;

adunya'aa fi waan isii keessa jiru

maraa situ hundeesse.

12Ka kaabaa fi kibba uume si'i;

Taaboorii fi Armoni'eem maqaa keetiin usheexxan.

13Ati ka irree jaba'aati;

harki kee jaba'a;

harki kee ka mirgaa hunna qaba.

14Balchummaanii fi handhi hundee teessoo keetiiti;

jaalallinii fi amanamummaan si afoo deeman.

15Yaa Rabbi! baniin ililfachuu beeku;

ka ifa fuula keetiitiin deemu eebbifama'a;

16Guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadan;

balchummaa keetiin usheexxan.

17Ati ulfinna jajjabeenna isaanii waan taateef;

gaachena keetiin gaafa keenna ol qabde.

18Wonteen keenna ka Rabbii waan ta'eef;

mootiin keennallee kama woyyicha Israa'eliiti.Dubbii Abdi'ii Ka Rabbi Daawitii Kenne

19Hennaa san mudhataan dubbatte;

banii kee amanama'aan akkana jette;

nama jabaa baallii itti uwwise;

ka banii keessaa filatame ol ol qabeen.

20Garbicha kiyya Daawitiin argadhe;

sayitii kiyya woyyu'uun isa dibe.

21Harki kiyya isa irkisa;

irreen kiyya isa jabeessa.

22Diinni isa hin caalu;

namni hamaan isa hin mooyatu.

23Nyaapholee isaa isa afo'otti isaan butucha;

diintota isaallee hin adaba.

24Amanamummaanii fi jaalalli kiyya isa woliin ta'a;

maqaa kiyyaan gaafni isaa ol ol jedha.

25Harka isaa galaana irra;

harka isaa ka mirgaa laggiin irra godha.

26Inni, ‹Ati abbaa kiyya;

Waaqa kiyyaa fi goda ittiin oolu› jedhee na waama.

27Anillee hangafa isa taasisa;

mootota ardii irraa caalaa ol jedha.

28Jaalala kiyya baraa haga bara baraa eegaaf;

waadaan isa woliin gale jabaatee jiraata.

29Fiixaa isaa baraa haga bara baraa;

teessoo isaa haga umurii samiiwwaniititti jabeessa.

30«Ijoolleen isaa yoo seera kiyya dhiisan;

yoo ajaja kiyya hin eenne;

31Yoo seerrata kiyya diigan;

yoo ajaja kiyya hin kabajjine;

32cubbuu isaaniitiif ule'een;

yakka isaaniitiif shabbeenaan isaan adaba.

33Jaalala kiyya ka bara baraa ammo isa irraa hin fageessu;

amanamummaa kiyyallee isa jalaa hin hanqisu.

34Waadaa kiyya hin diigu;

waan afaan kiyyaa bayellee hin gaabbu.

35Hennaa tokko waan woyyummaa kiyyaan kakadheef;

Daawitiin hin sobu.

36Fiixaan isaa baraa haga bara baraa;

teessoon isaallee na afo'otti akka adu'uu

jabaatee jiraata.

37Akka ji'a ragaa amanamtuu taatee samii jiraattuutitti;

baraa haga bara baraa hundeeffama.

Gadda Sababaa Daawiti Mooyatameef Biyya Irra Gaye

38Ati ammo hin tuffatteen; hin gatteen;

ka muudde guddiftee lolteen.

39Waadaa garbicha kee woliin galte hin diidde;

gulloo isaa ka ulfinnaa

daaraa irra buuftee salphifte.

40Dallawa isaa maraa hin diidde;

maandhee isaallee hin balleessite.

41Dhufa'aa lufaa maratu isa saame;

ka ollaan itti baldu ta'e.

42Harka mirgaa ka diintota isaa ol qabde;

nyaapholeen isaa maruu hin gammadan.

43Qara guraadee isaa hin balleessite;

hennaa lolaallee isa hin gargaarre.

44Gaachena isaa jalaa balleessite;

teessoo isaallee biyye'etti edaate.

45Bara ka'imummaa isaa hin gabaabsite;

salphinna itti uwwifte.

46Yaa Rabbi! kun haga yoomii ta'a?

baraa haga bara baraa uf dhossitaa?

dheekkamsi kee haga yoomii akka ibiddaa bobaya?

47Barri kiyya hagam akka gabaabduu taate yaadi;

ilmaan namaa duwwama akkanumaan isaan uumtee!

48Namni uduu hin duune jireenna jiraatu jiraa?

eentu awwaala jalaa uf oolchuu danda'a?

49Gooftaa'a! amanamummaan kee

ka Daawitii kakatteen;

jaalalli kee ka durii eessa jira?

50Gooftaa'a! garbicha kee hagam

akka itti baldan;

mudaa namoota hedduu

akka baadhadhe yaadadhu.

51Yaa Rabbi! nama diintonni kee itti baldan;

deemsa nama ati muuddetti

akkaataa isaan itti tuffatan yaadi.

52Baraa haga bara baraa Rabbiin galanni haa gayu!

Amiin! Amiin!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help