Raajii Isaayyaasii 2 - Kitaaba Woyyuu

Nagaya Bara baraa(Mik. 4:1-3)

1Dubbiin ilmi Amootsii Isaayyaas waan biyya Yihuuda'aatii fi waan qachaa Yerusaalemii dubbate kana.

2Dhuma baraatitti;

gaarri mana woyyuu Rabbii;

gaarran maraa olitti hundeeffama;

tulluuwwanillee isaa olitti mudhatan;

baniin maruu garas yaa'an.

3Baniin hedduu dhufanii akkana jedhan;

«Koottaa'a; gara gaara Rabbii

gara mana woyyuu Waaqa Yaaqoobii haa baanuu;

Inni karaa ufii nu barsiisa;

karaa isaa keessa deemna;

Seerri Tsiyooniin keessaa;

dubbiin Rabbii Yerusaalemiin keessaa

waan bayuuf.

4Inni banii jiddu'utti murteessa;

wolii galtee dhabuu namoota hedduu hin balleessa;

isaan guraadee ufii tumanii gara maarasha'aa,

woraana ufiillee gara haamtu'uu deebisan;

baniin bani'itti guraadee hin kaasu;

ammaa achi lola hin baratan.

5Isin mana Yaaqoobii!

koottaa! ifa Rabbii keessa haa deemnuu.

Garjabummaa Balleessuu'u

6Banii kee

ka mana Yaaqoobii ta'e hin dhiifte;

isaan waaqeffannaa gatii hin qabne

ka namoota baya biiftu'uutiin waan guuttamaniif;

akka worra Filisxeemii falfala hojjatan;

banii ormaa woliin harka dhayan.

7Lafti isaanii ka meeti'ii fi worqi'iin guuttame;

qabeenni isaanii haga hin qabu;

ardiin isaanii farado'oon guuttameera;

laakkobsi konkolaataa fardaa isaanii

dhuma hin qabu.

8Ardiin isaanii waaqolee tolfama'aan guuttamteerti;

waan harki isaanii hojjateef;

hujii harka ufiitii sagadan.

9Namni gad qabame;

ilmi namaa salphateera;

kanaafuu yakka isaanii hin dhiisin.

10Sodaachisaa Rabbii;

gaachena isaa irraa dheessi;

gara godaawwanii dhaqi;

lafa jalatti dhokadhu!

11Ijji nama boonuu hin buruxxi;

worri uf jajullee hin salphatan;

guyyaa san Rabbi hojjuma ufii mooya.

12Rabbi Waandhi banii maraa;

ka boonuu fi ka uf jaju maraa;

ka uf tuttuulu maraa

guyyaa itti salphisu qaba.

13Birbirsoonni Libaanosii dhedheeraanii fi

ka ol jedhan maruu,

mukkiin odaa Baasanii maraa,

14Gaarran gugurdaa maraa,

tulluu ol jedhe maraa,

15gamoo dhedheeraa maraa,

dallaya ijaarame maraa,

16Markaboota Tarsesii maraa,

yaballan ulfinnaa maraa guyyaa itti salphisu qaba.

17Uf jajuun namaa hin bada;

boonuun namaa hin kufa;

guyyaa san Rabbiin calla'atu mooya.

18Waaqoleen tolfamaan maruu sirima badan.

19Hennaa Rabbi ardii raasu'uuf ka'u;

namoonni sababaa sodaachisaa isaatii fi

gaachena isaatiif;

gara dhooqa godaa,

gara boolla lafaatitti dhokachu'uuf fiigan.

20Guyyaa san namoonni

waaqolee tolfamaa ufii

ka meeti'iitii fi ka worqi'ii

ka waaqeffachu'uuf tolfatan,

tuqa'aa fi raare'ee darban.

21Hennaa Rabbi ardii raasu'uuf ka'u;

namoonni sababaa sodaachisaa isaatii fi

akkasuma gaachena isaatiin

gara goda dhaga'aa,

goda dhaga'aa ka baqaqe keessa fiiganii seenan.

22Nama akka hafuuraa hunna hin qabne

hin abdatinaa'a;

sirima waan namaa tolu hin qabu!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help