Kitaaba Izra'aa 7 - Kitaaba Woyyuu

Izraan Gara Yerusaalemii Dhaqe

1Waan kanaan maayii bara mootichi Arxeeksis biyya Faarisii irratti mooye, nama Izraa jedhamu ka biyya san keessa jiraatu tokkotu ture. Hiddi fiixaa hortee abboota isaa kana. Izraa, ilma Saraaya'aa,

2ilma Azaariyaasii, ilma Kelqiyaasii, ilma Saloomii, ilma Saadooqii, ilma Akixoobii,

3ilma Amaariya'aa, ilma Azaariyaasii, ilma Maraayootii,

4ilma Zara'iyya'aa, ilma Oozii, ilma Buuqii,

5ilma Abiisuu, ilma Finihaasii, ilma Alaazarii, ilma Aaroonii gadicha gudda'aa;

6Izraan kun Baabilooniin keessaa bayee gara Yerusaalemii dhaqe; inni barsiisaa seeraa ka Rabbiin Waaqa Israa'elii Muuse'etti kenneeti. Waan hunni Rabbii Waaqa Israa'elii isa woliin jiruuf mootichi waan inni fedhe maraa kenneef.

7Bara mootichi Arxeeksis mooye woggaa torbeesso'ootitti ijoollee Israa'elii keessaa gadoonni, worra Leewwotaa keessaa, Faarfattoota keessaa, worra balbala eegan keessaa, Hojjattoota mana woyyu'uu keessaallee namoonni baay'een gara Yerusaalemii dhaqan.

8Izraan mootichi Arxeeksis mooyee woggaa torbeesso'oo ji'a shaneesso'ootitti Yerusaalemiin gaye.

9Ji'a jalqabaa guyyaa jalqabaa biyya Baabiloonii keessaa bawuu jalqabe. Hunni Waaqa isaa guddaan waan isa irra jiruuf ji'a shaneesso'oo guyyaa jalqabaatitti Yerusaalemiin gaye.

10Izraan seera Rabbii eegee raawwatuuf, worra Israa'eliillee seera kanaa fi murtiillee barsiisu'uuf onnee ufii qopheessee ture.

Eeyyama Mootichi Arxeeksis Barreeffamaan Izra'aa Kenne

11Yaanni xalayaa mootichi Arxeeksisii ka Izraa gadicha barreessaa ajaja dubbii Rabbiitii fi seera Israa'elii barreessa'aa turetti kennee kana.

12«Arxeeksisii mootii moototaa irraa Izraa gadicha seera Waaqa Sami'ii barreessuu nageenni haa ta'u.

13«Banii Israa'elii ka bulchiinsa kiyya keessa jiran gadootaa fi worra Leewwotaa keessaa namni gara Yerusaalemii deemuu barbaadu maruu akka si woliin deemu ajajeera.

14Akka seera Waaqa keetii ta si harka jirtuutitti, akka biyya Yihuuda'aatii fi Yerusaalemiin qorattu, worra jireenni isaanii Yerusaalemiin keessa ta'e gorsitoota torbaa sii ergeera.

15Mootichaa fi worri isa gorsan, birri'ii fi worqii fedha ufiitiin Waaqa Israa'eliitii dhiyeessan qabadhuu deemi.

16Birri'ii fi worqii godina Baabiloonii keessatti argitu maraa, waan baniinii fi gadoonni mana Waaqa ufii ka Yerusaalemiin keessa jiruu fedha ufiitiin dhiyeessan akka fudhattu, ati waan mootichaa fi worra isa gorsu torbaniin ergamteef,

17Birrii kanaan jiboolee'e, korbeeyyii hoolotaatii fi korbeeyyii hoolotaa darmiillee, kennaa isaanii ka midhaaniitii fi ka waan dhuganii jabaadhuu bitii hulee ciinca'aa ka mana Waaqa keessanii ka Yerusaalemiin jiru irratti dhiyeessi.

18Birri'ii fi worqii hafe ammo atii fi obboleewwan tee akka fedha Waaqa keessaniititti waan isin gammachiisuun godhaa'a.

19Meeshaa mana Waaqa keetii ka akka ittiin tajaajiltuuf sitti kenname gara mana Waaqa Yerusaalemitti waaqeffamuu fidi.

20Kana caalaallee waan mana woyyu'uuf kennuu barbaaddu maraa galmee mana mooti'ii keessaa fudhachuu dandeetta.

21«Ani mootichi Arxeeksis qabduu horii mooti'ii worra laga Efraaxisii gama jiran marattuu ajaja kana kenneera; waan Izraan gadichi seera Waaqa Sami'ii barreessu isin irraa barbaadu maraa qopheessa'aaf.

22Birrii kiloo kuma sadihii fi dhibba afurii, qamadii haga kiiloo kuma kudhanii, daadhii woyini'ii haga liitira kuma lamaa, sayitii ejersaa haga liitira kuma lamaatii fi sooqiddallee haga isa barbaachisu maraa kenna'aafii'i.

23Mootichaa fi ijoollee mootichaa irratti lolli akka hin uumamne, waan Waandhi Sami'ii ajaje maraa mana Waaqa Sami'iitii godhaa'a.

24Akkasuma gadoota, Leewwota, worra faarfatan, worra balbala eegan, wolumaa galatti tajaajiltoota mana Rabbii keessatti tajaajilan irratti gibiraa fi qaraxa woyiituu akka isaan hin kaffalchiifne isin beessifna.

25«Atillee Izraan akka ogummaa Waaqa keetii ta si harka jirtuutitti worra Yihuudii hin taane ka laga Efraaxisii gama jiru maraa worra seera Waaqa keetii beekan maraa irratti akka murteessan abbootii murti'iitii fi worra isaan adaban isaan irratti moosisi; worra seera kana hin beennellee barsiisi.

26Worra seera Waaqa keetiitii fi seera mootichaatii hin ajajamne duuti, bandhi, birrii booji'uunii fi hidhamu'uun daddafatti itti haa murteeffamuu.»

Izraan Rabbiin Galatoonfate

27-28Rabbi Waandhi abboota keennaa ka akka mana Rabbi ka Yerusaalemiin keessa jiru haa bareechisu'uuf waan akkanaa kana qalbii mooti'ii keessa kaaye, mooticha, bulchoota jajjabaa mootichaatii fi worra isa gorsan maraa afo'otti ka araara ufii gara kiyya erge haa ulfaatu. Anillee harka Rabbii Waaqa kiyyaa ta narra jirtuun jabaadhe; akka na woliin bayaniif worra Israa'elii keessaa bulchoota wolitti qabe.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help