Kitaaba Iyyoobii 23 - Kitaaba Woyyuu

Deebii IyyoobiiIyyoob

1Iyyoob akkana jedhee deebise,

2«Ammallee onneen kiyya ka gaddaa fi

komii gudda'aan guuttame;

mararamee booyullee

harki isaa natti ulfaatteerti.

3Hulee inni itti argamu uduu beekee mishaa ture.

hulee inni jiraatullee uduu dhaqee;

4silaa falmii kiyya dhiyeeffadhee;

deebii falmii kiyyaa tartiibaan dhiyeeffadha.

5Deebii inni naa deebisu silaa hin beeka ture;

waan inni naan jedhullee silaa hin hubadha ture.

6Rabbi hunna ufii gudda'aan natti murteessinnaa ree?

wa'a; waan kiyya hin dhagaya.

7Achitti namni qajeelaan isaan wol morma;

Rabbi abbaan murti'ii kiyya baraa haga bara baraa bilisa na baasa.

8«Garuu yoo gara baya biiftu'uu dhaqu achi hin jiru;

yoo gara dhiyaallee deemu isa arguu hin dandeenne.

9Inni gara kaabaatiin hujii ufii hojjata;

ani garuu isa arguu hin dandeenne;

gara kibbaallee yoo gara galu isa arguu hin dandeenne.

10Inni deemsa kiyya maraa hin beeka;

yoo na qoratellee ka akka worqi'ii qulqullaayeeru na arga.

11Lutti tiyya karaa inni jaalatu irra deemti;

mamee bita'aa fi mirga hin goru.

12Ajaja isaa keessaa hin baane;

dubbii isaallee garaa kiyya keessatti eegeera.

13«Isumatu murteessa;

ka isa mormu hin jiru

inni waan jaalate maraa godha.

14Waan na irratti karoorse maraa hin raawwata;

karoora kana fakkaatu baay'ee qaba.

15Kanaaf isa afoo dhaabachuun guddisee na sodaachisa;

yoma waan kana yaaduu hin sodaadha.

16Rabbi akka onneen tiyya shortu na godhe.

Waandhi maraa danda'u na naasise.

17Yoo hagam dukkanti ija tiyya golgitee;

guddachuun dukkanaa dubbachuu na hin dhooggine.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help