1Ijoolleen Aaroonii Naadaabi, Abiyuudi, El'eezerii fi Itaamiriin fa'a.
2Naadaabii fi Abiyuudi uduu hin uumanne abbaa ufii dura du'an; kanaafuu obboleewwan isaanii El'eezerii fi Itaamiri gadoota ta'an;
3Daawiti ijoollee El'eezerii Saadooqii fi ijoollee Itaamirii Abemelekiin woliin akkaatama seera tajaajila isaaniitiin isaan ramade.
4Bulchoonni ijoollee El'eezerii bulchoota ijoollee Itaamirii hin caalan; akkaataan isaan itti ramadamanillee bulchoonni maatii ijoollee El'eezerii kudha jaha, bulchoonni maatii ijoollee Itaamirii garuu akka saddeet ta'u murteessanii ramadan.
5Ijoollee El'eezeriitii fi ijoollee Itaamirii keessaa worri mana woyyuu Rabbii keessa tajaajilan waan jiraniif akkanatti akka hixa'aan tajaajilaniif qooda isaanii kennan.
6Dursanii hixaa kaasu'uuf fiixaan El'eezeriitii fi fixaan Itaamirii kore koree seenan; Kanaan maayessa Shaamaa'ii ilma Naatinaa'elii gosa Leewwotaatitu isaan galmeessa'aa ture; mootichinii fi bulchoonni biyyaa ka baallii qaban goshoonni mootichaa Saadooqiin gadichinii fi Abemelek ilmi Abiyaatarii akkasuma bulchoonni maatii gadootaatii fi maatii Leewwotaa maruu worra raga'aa turan.
7Hixaan jalqabaa Iyyoo'ariibiif,
hixaan lammeesso'oo Yoodaahe'eef,
8Hixaan sadeesso'oo Kaarimiif,
hixaan arfeesso'oo Si'ooriimiif
9Hixaan shaneesso'oo Malkiya'aaf,
hixaan jaheesso'oo Miyaaminiif baye.
10Hixaan torbeesso'oo Aqoosiif,
hixaan saddeetesso'oo Abiya'aaf,
11Hixaan salgeesso'oo Iyyaasu'uuf,
hixaan kudhaneesso'oo Sekeniya'aaf,
12Hixaan kudha tokkeesso'oo Eeliyaaseebiif,
hixaan kudha lammeesso'oo Yaaqiimiif,
13hixaan kudha sadeesso'oo Ooppa'aaf,
hixaan kudha arfeesso'oo Shebaabiif,
14hixaan kudha shaneesso'oo Bilga'aaf,
hixaan kudha jaheesso'oo Emeeriif,
hixaan kudha torbeesso'oo Eeziriif,
15hixaan kudha saddeetesso'oo Hafixeexiif,
16hixaan kudha salgeesso'oo Fattaaya'aaf,
hixaan diddameesso'oo Ezelqeeliif,
17hixaan diddamii tokkeesso'oo Yaakiiniif,
hixaan diddamii lammeesso'oo Gaamu'eeliif,
18Hixaan diddamii sadeesso'oo Dilaya'aaf,
hixaan diddamii arfeesso'oo Maaziya'aaf baye.
19Akkuma Rabbi Waandhi isaanii isaan ajajetti akkuma seera Aaroon abbaan isaanii isaanii kenneetitti seerri gara mana woyyuu Rabbii tajaajilu'uuf ittiin seenanii kana.
Maqaa Worra Leewwotaa20Ijoollee Leewwotaa keessaa worri hafan ijoollee Imbaaraamii keessaa Subaa'el, ijoollee Subaa'elii keessaa Yehidiya'a,
21-22bulchaan ijoollee Raabiya'aa Yishiya'a; worra gosa Yisara'aa keessaa Shaaloomiiti; ijoollee Shaaloomiitii keessaa Yabaati,
23Ijoollee Keebroonii keessaa bulchaan jalqabaa Yiriya'a; bulchaan lammeesso'oo Amaariya'a, bulchaan sadeesso'oo Hizi'eel, bulchaan arfeesso'oo Yiqaami'aam.
24Mikkaan ilma Uuzi'eeliiti; Shaamiri ilma Mikka'aati.
25Obboleessi Mikka'aa Yishiya'a; ijoollee Yishiya'aa keessaa Zakkaariyaas;
26ijoolleen Meeraarii Mohoolii fi Muusi ilmi Yaaziya'aa Baanoo,
27Ijoolleen Meeraarii Yaaziyaa, Baanoo, Shoohaam, Zakkuurii fi Ebiri.
28Mohooli El'eezeriin uumate, El'eezer garuu ilma hin qabu ture.
29Yirmi'eel ilma Qiisiiti;
30Ijoolleen Muusii Mohooli, Edaarii fi Iyyaarimuuti.
Kunniin maruu maatii fiixaa Leewwotaa turan.
31Kunniinillee mooticha Daawitiin, Saadooqiin Abeemelekiin, worra Leewwotaatii fi bulchoota abboota gadootaa afo'otti guddaanillee akka nama diqqa'aatitti, akkuma ijoollee Aaroonii obboleessa ufiititti hixaa buufatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.