Kitaaba Faaru'uu 136 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Galataa

1Rabbiin galatoonfadhaa'a;

waan arjaa ta'eef jaalalli isaallee baraa haga bara baraatii.

2Waaqa waaqotaa galatoonfadhaa'a;

jaalalli isaa baraa haga bara baraatii.

3Gooftaa gooftotaa galatoonfadhaa'a;

jaalalli isaa baraa haga bara baraatii.

4Inni ka hojja ufii maalalee guddaa godhe;

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

5Ka samii ogumma'aan uume;

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

6Ka lafa bisaan irra dhaabe;

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

7Ka hojja ufii ifa gugurdaa uume;

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

8Ka aduun akka guyya'aan iftu godhe,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

9Ka ji'aa fi urjii akka halkan ifan godhe,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

10Ka worra Misirii hangafoota isaanii woliin fixe,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

11Ka worra Israa'elii isaan jiddu'uu baase,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

12Irree ufii jabaa hiixatee ka kanniin godhe,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

13Ka galaana diimaa gara gara qoode,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

14Ka worra Israa'elii isaan jidduu dabarse,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

15Fari'oonii fi loltuu isaa ka galaana diima'atti gate,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

16Ka banii ufii lafa gammoojji'ii keessa masakke,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

17Ka mootota gugurdaa dhaye,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

18Ka mootota baay'ee ajjeese,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

19Ka mootii Amoorotaa Seewooniin ajjeese,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

20Ka mootii Baasaanii Aagiin ajjeese,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

21Ka lafa isaanii isaanii kenne,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

22Ka worra Israa'elii lafa dhaalchise,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

23Ka hennaa salphanne nu yaadate,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

24Harka diintota keennaa jalaa nu baase,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

25Ka uumama maraa nyaata kennu,

jaalalli isaa baraa haga bara baraati.

26Waaqa sami'ii galatoonfadhaa'a;

jaalalli isaa baraa haga bara baraatii.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help