1Obboleettii tiyya! idaayyaa jaalallo'oo!
ani gara hulee biqiltuu kiyyaa ka ati naa kennitee seeneera;
karbe'ee fi abaaboo urgo'oo kiyya guuradheera;
nadhii dhaaba dammaa nyaadheera;
daadhii woyini'iitii fi aannan kiyyallee hin dhugeera.
Hiriyyoota Idaayyitti'iiJaalalloota teenna!
jaalalaan haga nadha baataniif
nyaadhaa; dhugaa'a.
Idaayyittii2Ani rafeera; qalbiin tiyya garuu hin rafne;
jaalalloon kiyya hennaa akkana jedha'aa balbala dhadhawu dhagaye;
«Obboleettii tiyya idaayyaa jaalallo'oo!
handarii tiyya ta mudaa hin qabne!
yabo'oo balbala naa bani;
rifeensi mataa kiyyaa kirfaffu'uun na shameera;
tiifuu halkaniitiinillee jiidheera.»
3Ani uffata kiyya mulqadheeraa;
deebi'ee uffadhaa ree?
luka kiyyallee dhiqadheeraa;
deebi'ee xureessaa?
4Jaalalloon kiyya qaalawaan harka natti loose;
garaan kiyya waan isaatiif raafame.
5Kanaaf ani jaalalloo kiyyaa balbala banu'uuf ka'e;
cufanaa balbalaa hennaa harka kiyyaan banu'uuf qabe
urgooftuun harka kiyya irraa jige; qubbiin kiyyallee bisaan karbe'ee jissan.
6Ani lafaa ka'ee jaalalloo kiyyaa balbala bane;
jaalalloon kiyya garuu balbala gayee uf irra gara galee deeme;
ani laagaa isaa dhagayuuf guddisee hawwee ture;
guddisee soqe garuu isa argachuu hin dandeenne;
waamnaanillee na jalaa hin awwaanne.
7Worri qachattii keessa naannaya'aa eegan na arganii
dhayanii na madeessan;
worri qachattii eegan
waan fuulatti maradhu na jalaa fudhatan.
8Isin babbareeddan Yerusaalemii!
jaalalloo kiyya yoo argitanii jiraattan
sababaa jaalala isaatiif akka dhibame akka itti himtan
yaboo isinitti kennadha.
Hiriyyoota Idaayyitti'ii9Ati dubartii dubartoota maraa caalaa bareeddu!
dhugama jaalalloon kee kaawwaniin addaa?
ka hagana mara waan isaatiif yaboo nutti kennitu
inni maali'iin kaawwan caala?
Idaayyittii10Jaalalloon kiyya ka guddisee bareeduu fi fayyaalessa;
dhiira kuma kudhanii keessaa
ka isa fakkaatu hin jiru.
11Mataan isaa quunqoo worqi'ii fakkaata;
rifeensi mataa isaa gurraacha; yuuba akka koola harraagessaati.
12Ijji isaa akka ija handarii laga bira jiraattuutii fi
adii akka aannanii bareedu.
13Boqoon isaa akka urgooftuu
hulee dhaaba biqiltu'uutitti argamuutitti bareeda;
hidhiin isaa akka abaaboo
bisaan urgoo karbe'ee coccobsuutitti mi'aaya.
14Irreen isaa akka ulee qubee worqi'ii uf irraa qabuutitti bareeda;
nafti isaa faaya ogeessi ilkaan arbaatiin hojjate fakkaata.
15Lutti isaa utubaa worqii qulqullu'uun hojjatame fakkaata;
akka gaara Libaanosii ka mukaan bareedeeti.
16Afaan isaa akka dammaatitti mi'aaya;
akkaataan isaa maruu namatti tola;
isin babbareeddan Yerusaalemii!
jaalalloon kiyya ka akkanaati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.