1-2«Seerri, murtiinii fi ajanyi atii fi ilmi kee, ilmi ilma keetii umurii keessan marattuu lafa dhaalu'uuf itti galtan keessatti raawwattan Rabbii Waaqa kee sodaattee seeraa fi ajaja ani sii kenne isa maraa akka eeddu, akka umuriin kee sii dheeratu akkuma Rabbi Waandhi isin barsiise ajanyi, seerrinii fi murtiin kana.
3Eeganaa Israa'el dhagayi; akka wonti mishaan sii ta'uuf akkuma Rabbi Waandhi abboota teetii sitti hime lafa aannanii fi damma baaftutti akka guddiftee hortu seera kanniin eegi.
4Israa'el dhagayi! Rabbi Waandhi keenna Waaquma tokkocha;Mar. 12:29
5Atille Rabbii Waaqa kee onnee kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun hunna kee guutu'uun jaaladhu;Mat. 22:37; Mar. 12:30; Luq. 10:27
6jecha ani adha sitti himu kana qalbi'itti qabadhu;
7ijoollee teellee barsiisi; yoo mana kee teettu, yoo karaa deemtu, yoo raftuu fi yoo kaatullee hennaa maraa isa dhudhumi.
8Akka malkataatitti harkatti hidhadhu hennaa maraa ija tee afo'oo hin dhabamin.
9Qasatoo balbala mana keetiitii fi balbal karra keetii irratti barreeffadhu.Kes. Deb. 11:18-20
Seerata Ajajamuu Dhabu'uuf Kenname10«Hennaa gara lafa Rabbi Waandhi kee sii kennuu ta abboota kee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii kakateetitti galte qabeenna ati hin qadhaabanne, qachoota gugurdaa babbareeddan,Ser. Uma. 12:7; 26:3; 28:13
11manniin qabeennaan guuttaman ka ati qabeenna keetiin hin guunne, bisaan boollaa ka ati hin qonne akkasuma biqiltuu woyini'ii ka ati hin dhaabnee fi ejersallee yoo sii kenne, yoo nyaattee quufte,
12hennaa san Rabbii garbummaa biyya Misirii jalaa si baase akka hin irraanfanne uf eegi.
13Rabbii Waaqa kee sodaadhu, isuma callaa waaqeffadhu, maqaa isaatiin kakadhu.Mat. 4:10; Luq. 4:8
14waaqolee tolfamaa naannaya keessan jiran ka worri ormaa sagadaniif kaawwan hin waaqeffatinaa'a;
15yoo waaqolee tolfamaa sanniin waaqeffattan dheekkamsa Rabbii ka isin jidduu jiru kakkaaftan; Rabbi Waandhi keessaan Waaqa hinaafu waan ta'eef lafa irraa haxaayee isin balleessa.
16Lafa «‹Maasaa› jedhamee waamamutti akka isa qorattan san Rabbii Waaqa keessan hin qorinaa'a.Ser. Ba'u. 17:1-7; Mat. 4:7; Luq. 4:12
17Seera, ragaa fi ajaja Rabbii Waaqa keessanii ka inni isin ajaje jabaadha'aa eegaa'a.
18Akka wonti mishaan sii ta'u biyya michuu Rabbi abboota teessanii kakate sanitti galtanii akka dhaaltan,
19akkuma Rabbi sitti dubbate diintota kee maraa si afo'oo akka balleessu Rabbiin afo'ootti waan misha'aa fi waan qajeelaa godhi.
20«Baroota dhufan keessatti ilmi kee ‹seerri, murtiinii fi ragaan Rabbii Waaqa keennaa maali'i? jedhee yoo si gaafate,
21Ati ilma keetiin, ‹nu biyya Misiriititti garboota turre; Rabbi irree ufii gudda'aan biyya Misirii keessaa nu baase.
22Rabbi biyya Misirii Fari'oonii fi mana isaanii maraa irratti uduma nu arginu malkata hama'aa fi baasa guddaa hojjate.
23Lafa abboota teennaa kakate sanitti nu galchu'uuf achii nu baase.
24Lubbu'uun nu jiraachisu'uuf hennaa maraa wonti mishaan akka nuu ta'u Rabbii Waaqa keenna sodaannee seera isaa maraa akka eennu Rabbi nu ajaje.
25Akkuma Rabbi Waandhi keenna nu ajaje seera kana maraa yoo eenne akka qajeellumma'aatitti nuu laakkayama›
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.