Gara Worra Qorontoosii 1ffaa 11 - Kitaaba Woyyuu

Waaqeffannaa Barbaachisaa

1 Qor. 1ffaa 4:16 Akka ani Kiristoosiin fakkaadhu isinillee na fakkaadhaa'a.

2Obboleeyyan tiyya! Waa maraanuu waan qaabattan, waan ani isin barsiise waan qaabattaniif isin galatoonfadha.

3 3:23; Ser. Uma. 3:16; Efe. 5:23 Haa ta'uu ammo mataan dhiiraa Kiristoos; mataan dubarti'ii dhiira; mataan Kiristoosii Rabbiin ta'uu akka beettan fedha.

4Dhiirti haguuggatee Rabbiin kadhatu, yookaan ka raaga dubbatu maruu uf salphisa.

5Akkasuma dubartiin uduu hin haguugganne Rabbiin kadhattu, yookaan ta raaga dubbattu maruu uf salphifti. Kun akka waan mataa ufii haadatteetitti laakkayama.

6Dubartiinillee mataa ufii uduu hin haguugganne, rifeensa ufii yoo hin dhoffanne ammo haa cirattuu, dubarti'iif ammo rifeensa murachuun, yookaan haadachuun ka saalfachiisu yoo ta'e rifeensa ufiititti haa haguuggattuu.

7Ser. Uma. 1:26-27 Dhiirti worra fakkeennaa fi ulfinna Rabbii mudhisan waan ta'aniif, mataa ufiititti hin haguuggatin; dubartiin ammo ulfinna dhiiraati.

8Xim. 1ffaa 2:13; Ser. Uma. 2:18-23 Dubarti'itu dhiira irraa argame malee dhiirti dubartii irraa hin argamne.

9Akkasuma dubartiin dhiiraaf uumamte malee, dhiirti dubarti'iif hin uumamne.

10Ser. Uma. 6:2; 24:65 Dubartiin takka sababa kanaaf Maleekkaa Rabbii afo'otti baallii jala jiraachuu isi'ii mudhisu'uuf, haguugguu mataa irraa qabaachu'utu ta'aaf.

11Haa ta'uu ammo Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee, dhiirtillee dubartii malee hin jiraatan.

12Akkuma dubartiin dhiira irraa argamte akkasuma dhiirtillee dubartii irraa dhalatte; maruu Rabbiin irraa argaman.

13Isinummaan uf jiddu'utti murteessaa'a. Dubartiin rifeensa ufii uduu itti hin haguugganne Rabbiin kadhachuun hin ta'aa?

14Dhiirti rifeensa uduu dheeressee akkuma salphinna ta'e, dubartiin ammo uduu rifeensa guddifatte ulfinna akka isi'ii ta'u uumamninuu isin hin barsiisuu?

15Rifeensi ulfinna akka isi'ii ta'u waan kennameeruuf.

16Xim. 1ffaa 6:3-5 Haa ta'uu ammo eennullee mormuu yoo fedhe nu'u yookaan woldaan Kiristaanaa ta Rabbii aadaa akkanaa kana hin qabnu.

Hurbaata Goofta'aa(Mat. 26:26-29; Mar. 14:22-25; Luq. 22:14-20)

17Haa ta'uu ammo hennaa wol geettan waan bada'aaf malee, waan misha'aaf waan hin taaneef ajaja kana yoo isinii kennu isin hin galatoonfadhu.

181:10-12; 3:3-4 Dura hennaa gara Woldaa Kiristaanaa dhuftan, isin jiddu'utti wol qoqqooduun akka jiru waan dhagaya'aaruuf karaa tokkoon hin amana.

19Mat. 18:7; Yoh. 1ffaa 2:19 Isin biratti worri qoraman akka saaxilaman isin jiddu'utti akkasuma ta'uun giddi'i.

20Eeganaa hennaa wol geettan wonti nyaattan hurbaata Goofta'aatii miti.

21Hennaa nyaataa maruu hurbaata ufii waan nyaatuuf tokko hin beelaya, tokko ammo hin machaaya.

22Yaq. 2:5-6 Manniin itti nyaattaniif itti dhuddan hin qabdanii? Mo'o Woldaa Rabbii tuffattan? worra waa hin qabne hin saalfachiiftanii? Ani maal isiniin haa jedhu? Waan kanatti isin haa galatoonfadhuu ree? Isin hin galatoonfadhu.

23Waan Isinitti dabarsee kenne ani Gooftaa irraa fudhadheera. Galgala gaafa Gooftaan Yesuus dabarfamee kenname xoroshoo kaasee galatoonfatee cabsee,

24«[Hoo'aa nyaadhaa'a] Kun foon kiyya ka isinii ta'uu; kana ittiin na qaabadhaa'a» jedhe.

25Ser. Ba'u. 24:8; Erm. 31:31-34; Ser. Ba'u. 24:6-8 Akkasuma hurbaataan maayii mijuu ol fuudhee, «Mijuun kun waadaa dhiiga kiyyaan ta'u ka waadaa haarawaati; hennaa dhuddan maraa kana yaadannoo kiyyaaf godhaa'a» jedhe.

26Hennaa xoroshoo kana nyaattanii fi mijuu kana dhuddan maraa haga Gooftaan deebi'ee dhufutti waan du'a isaa labsitan.

27Kanaafuu uduu isaaf hin malle ka xoroshoo kana nyaate, yookaan ka mijuu Goofta'aa dhuge maruu gatiin foonii fi dhiiga Goofta'aa isa irra jira.

28Mat. 26:22; Qor. 2ffaa 13:5 Namni uf qoree xoroshoo san haa nyaatuu; mijuullee haa dhuguu.

2910:16-17 Ka uduu isaa hin malle nyaatee dhuge, foon Goofta'aa waan gargar hin baafneef uf irratti murteessee nyaata'aa dhuga.

30Kanaaf worri isin biratti dadhabanii fi worri dhibaman namoonni hedduu hin jiran. Namoonni hedduunillee du'aniiran.

31Dura uduu uf qorree silaa nutti hin murteeffamu.

32Ibr. 12:5-6; Phex. 1ffaa 4:17 Haa ta'uu ammo hennaa nutti murteeffamu, adunyaa woliin akka nutti hin murteeffamne Gooftaan nu gorsa.

33Kanaaf obboleeyyan tiyya! Hennaa nyaataaf wol geettan wol eegaa'a.

3416:5 Eennullee yoo beelayee jiraate, hennaa wol geettan akka murtii isinitti hin taane mana ufiititti haa nyaatuu; waan hafellee hennaa dhufe isinitti hima.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help