Yohaannisii Ka 1ffaa 1 - Kitaaba Woyyuu

Dubbii Jireennaa

1 Yoh. 1:1,14 Waan dubbii jireennaa ka dura ture ka gurra keennaan dhageenne, ka ija keennaan arginee guuttannee laalle, ka harka keennaanillee qaqqabne isinitti odeessina.

2Yoh. 1:4 Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e; jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna.

3Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka arginee fi ka dhageenne isinitti himna; tokkummaan keenna Aabba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin.

4Yoh. 15:11; 16:24; Yoh. 2ffaa 12 Gammachuun keessan akka raawwatamuuf kana isinii barreessina.

Rabbi Ifa

5 Yaq. 1:17 Wonti isa irraa dhageenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu.

62:4,9; Yoh. 3:21 Dukkana keessa jiraata'aa yoo isa woliin tokkummaa qabna jenne, soba malee dhugaan nu keessa hin jiru.

7Ibr. 9:14; Mudh. Yoh. 1:5 Haa ta'uu ammo akkuma inni ifa keessa jiru, nullee ifa keessa yoo jiraanne, nu martinuu isa woliin tokkummaa qabna. Dhiinni Ilma isaa Yesuus Kiristoosii cubbuu keenna maraa irraa nu qulqulleessa.

8Mam. 20:9 Cubbuu hin qabnu yoo jenne uf sobna; dhugaanillee nu keessa hin jirtu.

9Mam. 28:13; Far. 32:1-4 Cubbuu keenna yoo himanne, cubbuu keenna nuu dhiisee hammeenna keenna maraa irraa nuu qulqulleessu'uuf inni amanama'aa fi qajeela'a.

10Cubbuu hin hunye yoo jenne, Rabbiin sobaa goona; dubbiin isaallee nu keessa hin jiru.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help