1Namoota hammeeyyi'itti hin hinaafin;
hiriyyummaa isaanii hin halchin.
2Garaan isaanii waan didda'aa yaada;
afaan isaanii soba dubbata.
3Manni ogumma'aan ijaarama;
hubanna'aan jabaatee dhaabata.
4Beekkumsaan meeshaan bareenninii fi
ka gatii mi'a'aa keessa guutan.
5Namni ogeessi hunna jabaa qaba;
namni beekkumsa qabullee jajjabeenna eda'a.
6Lola lolu'uuf gorsa mishaa;
mooyachu'uufillee worra gorsu heddutu barbaachisa.
7Ogummaan gowwaa irraa guddisee fago'o;
gumii balbala qachatti'ii keessatti dubbachuu hin danda'u.
8Ka dhara dhayu «Hammaata'a»
jedhamee beekkama.
9Karoorri gowwa'aa cubbu'u;
namoonni nama baldu hin ceem'an.
10Hennaa rakko'oo yoo mama'aa sodaatte;
hunni kee hagam dadhaba'a!
11Namoota gara du'aa deeman oolchi;
worra qalamaaf harkifaman hambisi.
12Ati hagamillee «Yoo waan kana ani hin beeku» jette
ka garaa namaa qoru sitti hin beekuu?
ka lubbuu tee eegu hin beekuu?
maraafuu akka hujii isaaniititti isaanii hin kennuu?
13Ilma kiyya! dammi waan mishaa ta'eef nyaadhu;
nadhiin dammaa sitti mi'aaya.
14Ogummaanillee lubbuu teetitti akkasuma
akka mi'ooftu beeki;
yoo isii argatte boruuf abdii qabda;
abdiin keellee duwwaa hin ta'u.
15Mana nama balcha'aa akka saamtu'uutitti itti hin riphin;
mana inni keessa jiraatullee dimmaa hin miidhin.
16Balchaan yoo hennaa torballee kufe hin ka'a;
hammeeyyiin garuu badi'iin kufan.
17Diinni kee yoo kufe hin gammadin;
yoma gufatee hashu hin jedhin.
18Kana taanaan Rabbi kana argee hin gammadu;
lola ufiillee isa irraa deebisa.
19Hujii worra garjabeeyyi'iititti hin rakkatin;
hammeeyyi'ittillee hin hinaafin.
20Dhartichi abdii hin qabu;
ibsaan hammeeyyi'iillee jim jettee dhaamti.
21Ilma kiyya! Rabbii fi mootii sodaadhu;
worra dhibaniin wolii hin galin.
22Balaa isaan lamaanuu fidan
eentu beeka?
Gorsa Edaasa'aa Ka Ogumma'aa23Kunniinillee mammaakkan ogeeyyi'iiti;
murtii irratti daloo godhuun waan ta'uu miti.
24Ka yakkama'aan «Ati qulqullu'u» jedhu,
baniin hin abaarata,
mootonnillee hin teedeffataniin.
25Worri yakkama'aan «Ati badii qabda» jedhan garuu
waan mishaa argatan.
eebbi irraa hafaanillee isaanii gad bu'a.
26Deebii dhuga'aa kennuun
akka waan afaan keessa dhungatu'uuti.
27Hujii balbala keetii raawwadhu;
qonna kee qopheessi;
achiin maayessa mana kee ijaari.
28Eennuttille sababaa malee hin ragin;
afaaniinillee hin sobin.
29«Akkuma inni na irratti hojjate isa irratti hojjadha;
akkuma hujii isaatitti isaa deebisa» hin jedhin.
30Karaa qonna amshaaggichaatiin lufe;
karaa woyinii nama hubannaan dhidhateetiin darbee deeme;
31achitti qoreen itti margeera;
laftillee shuqunaa uffateera
kaloonillee diiggamteerti;
32Haga arge buusee baase;
waan hubadhe keessaa barumsa argadhe.
33Yoo «mee diqqoo rafaa; diqqoo hin mugaa;
harka maradhee diqqoo hara baafadhaa» jette;
34Hiyyummaan akka saamtu'uutitti
deennillee akka nama meeshaa lolaa hidhateetitti sitti dhufa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.