Gara Ximootewoosii 2ffaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Loltuu Yesuus Kiristoosii Ta'uu'u

1 Efe. 6:10 Eeganaa ilma kiyya! Ati badhaadha Yesuus Kiristoosiin argatteen jabaadhu.

2Ka namni hedduu ragaa bayeef, ka na irraa dhageette kanallee akkasuma worra barsiisuu danda'aniif namoota amanamaa ta'anitti yaboo kenni.

3 1:8; 4:5; Xim. 1ffaa 6:12 Loltuu mishaa Yesuus Kiristoosii ta'iitii rakkinna na woliin qoodami.

4Qor. 1ffaa 9:24-27 Namni duulu maruu ka lolaaf erge gammachiisu'uuf jedhee fuudhaa fi daldalaan uf hin hidhu.

5Akkasuma namni fiigichaan wol morku tokko, yoo akka seera morkii saniititti hin morkine injifatee badhaasa hin argatu.

6Qor. 1ffaa 9:7,10 Qotee bulaan xaaru, worra daraaraa nyaatu keessaa ka duraa ta'uu barbaachisa dubbii jedhu laali.

7Mam. 2:6 Gooftaan waan maraanuu qaabii sii haa kennu.

8 Rom. 1:3; Qor. 1ffaa 15:4,20 Akkuma Dubbii Nagayaatiin himame Yesuus Kiristoosii fiixaa Daawitii ka worra du'e keessaa ka'e yaadi.

91:8,12; Hu. Er. 28:30-31; Filph. 1:12-14; 2:17 Ani waan kana lallabe'eef akka waan badaa hojjadheetitti haga hidhamu'uutitti rakkata'aara; dubbiin Rabbii ammo hin hidhamu.

10Qol. 1:24 Kanaafuu isinillee fayyinna karaa Yesuus Kiristoosiitiin argamu ulfinna bara baraa woliin akka argattan waan worra filatameetiif waan maraanuu hin jabaadha.

11Rom. 6:5,8; Qor. 2ffaa 4:11 Dubbiin akkana jedhu amanama'a.

«Yoo isa woliin duune,

akkasuma isa woliin lubbu'uun jiraanna.

12 Mat. 10:33; Luq. 12:9 Yoo obsinee jabaannee dhaabanne,

akkasuma isa woliin moona.

Yoo isa waakkanne, akkasuma,

innillee nu waakkata.

13 Ser. Lak. 23:19; Rom. 3:2-3; Tit. 1:2 Yoo amanuu baannellee,

inni amanamee jiraata.

Inni waan uf hin waakkanneef.»

Hojjataa Rabbiin Jaalatamaa Ta'e

14 Xim. 1ffaa 6:4-5; Tit. 3:9 Waan kana isaan qaabsis; dubbi'iin akka wol hin dhabne, Rabbiin afo'otti gorsi. Kun waan faayidaa hin qabne, worra dhagayullee waan diiguuf.

15Xim. 1ffaa 4:6; Tit. 2:7-8 Nama dubbii dhuga'aa qajeellumma'aan dubbatu, hojjataa hin saalfachiifne taatee eennummaa kee ka qoratame Rabbiin afo'otti dhiyeessu'uuf jabaadhu.

16Xim. 1ffaa 4:7; 6:20 Haa ta'uu ammo dubbii adunyaa tanaa hamtuu ta Rabbi hin jaalanne irraa fagaadhu; cubbuu hojjachuu ka duraa caalaa waan edaataniif.

173:13; Xim. 1ffaa 1:20 Dubbiin isaanii akka madaa nafa namaa nyaata'aa badhata'aa deemuuti; isaan keessaallee Hemenewoosii fi Filixoosiin fa'a.

18Qor. 1ffaa 15:23 Isaan kunniinillee du'aa ka'iinsi kanaan dura ta'eera jedha'aa dhugaa irraa dogoggoranii amantii namoota gari gari'ii balleessaniiran.

19Ser. Lak. 16:5; Mat. 7:22-23; Yoh. 10:14,27 «Gooftaan worra isaa hin beeka» Akkasuma, «Worri maqaa Goofta'aa waamu maruu hammeenna irraa haa fagaatuu» ka jedhu bu'uurri Rabbii ka hin sochoone ka chaappaa qabu jabaatee dhaabata.

20 Rom. 9:21 Mana guddaa keessa meeshaa mukaatii fi meeshaa faaraa calla uduu hin taane meeshaan worqi'iitii fi ka meeti'iillee hin jira. Gariin ulfinnaaf, gariin salphinnaaf oola.

213:17; Qor. 2ffaa 6:17-18 Eeganaa eennullee waan kanniin irraa yoo uf qulqulleesse, woyyuu ulfinnaaf ta'u, ka Gooftaa isaatiifillee fayyadu, meeshaa hujii mishaa maraaf qophaaye ta'a.

22Xim. 1ffaa 6:11; Mat. 5:8 Hawwii ka'imumma'aa hamaa irraa dheessi; worra garaa qulqullu'uun Gooftaa waamatan woliin qajeellummaa, amantii, jaalalaa fi nagaya jabeessii hordofi.

232:14,16; Xim. 1ffaa 4:7 Haa ta'uu ammo wol dhabbii akka fidu beekiitii worra ceem'anii fi qora worra hin barannee irraa fagaadhu.

24Tit. 1:7,9; 3:1-2; Mat. 5:39-41 Garbichi Gooftaa nama maraa biratti gara laafessa, ka barsiisuu danda'uu fi nama obsaan jabaatee haa dhaabatuu malee, ka namaan wol hin lolle haa ta'uu.

25-26Tas. 1ffaa 5:14; Xim. 1ffaa 2:4 Akkasuma maal laataa Rabbi akka dhugaa beekanii fi akka aagii galan isaan taasisa; fedha daabiloosii raawwatu'uuf siiboo isaa jalaa bayanii gara qalbii isaanii hin deebi'an jedha'aa worra isa morman gara laafumma'aan isaan haa adabuu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help